About the Journal
Maqaan, Jornaalii kanaa ‘Jornaalii Dilbii Qorannoo’ (Journal of Accumulated Resources) jedhama. Bakka bu’een (Brand) jornaalichaa Afaan Oromootiin “JDQ”, kan Afaan Inglizii “JAR”, jedha. Jornaaliin kun guddina afaan, aadaa, seenaa, saayinsiifi oguma dhugoomsuuf yaadamee sadarkaa idiladdunyaatti hundeeffame. Akka addunyaattis Jornaalii Afaan Oromootiin qophaa’e isa jalqabaati.
Jornaaliin kun qorannoolee gaggabaaboo (Articles) Afaan Oromootiin barreeffaman kan maxxansudha. Jornaaliin kun waggaatti yeroo lama maxxnfama. Maxxansi jalqabaa Adoolessaa hanga Muddeetti yammuu ta’u inni lammataammoo Amajjii hanga Waxabajjiitti ta’a. Barreessitoonni qorannoos ulaagaalee jornaalii kana keessatti barreeffaman guutuusaanii erga mirkaneeffatanii booda dorgommii maxxansaaf galchatu.
