Xiinxala Haalawwan Geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa: Ija Yaadiddama Haalawaatiin

Authors

  • Dajanee Galataa Arsi University
  • Taaddasaa Jaallataa Addis Ababa University
  • Guddataa Abdiisaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1126

Keywords:

haala, geerarsa, Oromoo Jaawwii, yaadiddama haalawaa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa haalaawwan geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa xiinxaluudha. Maddeen ragaalee qorannichaa manguddoota yommuu ta’an mala darbaa dabarsaanis filatamaniiru. Malleen funaansa ragaalee itti dhimma ba’aman immoo daawwannaa, afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannooti. Ragaaleen funaanamanis mala akkamtaa ibsaatiin xiinxalamanii jiru. Argannoowwan qorannoo kanaas ergaa geerarsaa hubachuuf haala jiruufi jireenya hawaasichaa, seenaafi duudhaalee isaa; akkasumas, adeemsota geerarsaa hubachuun barbaachisaa akka ta’etu bira gahameera. Inni biroon, hawaasni Jaawwii Maccaa arjaa, hayyuufi gootaaf kabaja guddaa akka qabaniifi sadan keessaa gootni hunda caalaa kabaja ol’aanaa akka qabutu hubatame. Kanarraa kan ka’e geerarsa osoo hayyuu, arjaafi namootni umriin raagan jiranii qondaalatuu eegala. Kana malees, geerarsa dargaggeessa (dhiira) gulantaa kuusaa (25) ga’eefi ga’eeyyii sanaa olii jireenya keessatti rakkinaafi bal’ina arguun muuxannoofi hubannoo horatantu geerara. Kunimmoo haalonni geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa duudhaalee sirna Gadaa waliin hidhata guddaa akka qabaniifi duudhaaleen kun booda jijjiiramaa akka dhufantu bira gahame. Geerarsi kuusaa beekumsaafi seenaa Oromoo Jaawwii Maccaa ta’e kun yeroo ammaa bakkoota hedduutii badee bakkoota qubaan lakkaa’aman qofaatti hafee jira. Kanaaf, Waajjiraaleen Aadaafi Turiizimii sadarkaan jiran geerarsa yoomessa dhugaa keessatti geeraramu funaanuun osoo olkuusanii, qorattoonni qorannoo dabalataa osoo geerarsa irratti hojjetaniifi ogeeyyiin sirna barnootaa geerarsa kitaaba barnootaa keessa galchuun dhaloonni bifa barreeffamaan akka baratu osoo taasisanii gaariidha.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-12-17

How to Cite

Galataa, D., Jaallataa, T., & Abdiisaa, G. (2024). Xiinxala Haalawwan Geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa: Ija Yaadiddama Haalawaatiin. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(2), 136–169. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1126

Plaudit

Most read articles by the same author(s)