Xiinxala Ergaa Hawaasummaa Geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa: Ija Yaadiddama Ijaarsa Hawaasummaatiin

Authors

  • Dajanee Galataa Arsi University
  • Taaddasaa Jaallataa Addis Ababa University
  • Guddataa Abdiisaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.1014

Keywords:

ergaa, geerarsa hawaasummaa, Jaawwii

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa dhimmoota hawaasummaa geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa xiinxaluudha. Ragaaleen qorannoo kanaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Horroo Bulluq ganda Guddinaa Abuunaafi Dooyyoo irraa walitti qabame. Godonni, aanaafi gandoonni kunniin mala akkayoon kan filataman yoo ta’u; raghimtoonni ammoo mala darba dabarsoon filataman.  Raghimtoota kanneen irraa meeshaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti bahame daawwannaa, afgaaffiifi marii garee xiyyeeffannooti. Qorannoon kun dhiyaatina Sanyabsaa, Paaradaayimiifi yaadiddama ijaarsa hawaasummaa fayyadamuun kan geggeeffame yoo ta’u; ragaaleen mala akkamtaa ibsaan xiinxalaman. Ragaaleen tooftaalee adda addaan funaanaman xiinxaluun argannoowwan qorannichaa bira gahaman nijiru. Isaan keessaa kan jalqabaa, Oromoon Jaawwii Maccaa geerarsaan jiruufi jireenya kaleessa dabarse, rakkoofi bal’oo har’a keessa jiraatu, jireenya isaa gara fuulduraa akkamiin qajeelchuu akka barbaadu ittiin ibsata. Kana malees, jijjiirama sirnaa, aadaafi amalaa akkasumas, rakkoolee hawaasummaafi tooftaa rakkoolee kanneen keessaa itti ba’an irratti muuxannoofi mudannoo waliif qooduun hubannoo waloo gabbifatu. Kana malees, goota faarsuun xixiqqaa soosisu, dabeessa qeequun onnee itti horu, arjaa faarsuun dogna kennisiisu, hayyuu faarsuun dhaloota barsiisu, dhugaa leellisuufi kijibdoota saalfachiisuun dhalootni amaloota hawaasa sana keessatti jibbamoo ta’an dhiisanii gochaafi amaloota hawaasa sana keessatti gaarii ta’an qabatanii akka guddatan kallattii akka qabsiisantu hubatame. Kanaafuu, geerarsi amaloota jaallatamoo ta’an faarsuunfi amaloota jibbamoo ta’an qeequun hawaasni sun amaloota jaallatamoo akka horataniifi kanneen jibbamoo ta’an irraa akka fagaatan taasisuu isaastu bira gahame. Kunimmoo Horroo durii hanga har’aa madda goototaafi hayyootaa akka taatu taasiseera.  

 

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-06-27

How to Cite

Galataa, D., Jaallataa, T., & Abdiisaa, G. (2024). Xiinxala Ergaa Hawaasummaa Geerarsa Oromoo Jaawwii Maccaa: Ija Yaadiddama Ijaarsa Hawaasummaatiin. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(1), 130–156. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.1014

Plaudit