Seensa

 

Maqaan,’ Jornaalii kanaa Jornaalii Dilbii Qorannoo’ (Journal of Accumulated Resources) jedhama.  Bakka bu’een (Brand) jornaalichaa Afaan Oromootiin “JDQ”, kan Afaan Inglizii “JAR”, jedha. Jornaaliin kun guddina afaan, aadaa, seenaa, saayinsiifi oguma dhugoomsuuf yaadamee sadarkaa idiladdunyaatti hundeeffame. Akka addunyaattis Jornaalii Afaan Oromootiin qophaa’e isa jalqabaati.

Afaan Oromoo carraa afaan barnootaa, barnoota afaanii, afaan barreeffamaa, afaan hojii, afaan qorannoofi qo’annoo ta’uuf erga carroomee bubbulee jira. Yuunivarsitoonniifi kolleejjonni Oromiyaa keessa jiranis Afaan Oromootiin dipploomaadhaa hanga digirii sadaffaatti leenjisanii eebbisiisaa jiru. Yuunivarsitiin Wallaggaas afaan kana   guddisuu keessatti ga’ee guddaa taphachaa jira. Qorannoolee Muummee Afaan Oromoo keessatti qorannoon afaaniifi aadaa Oromoorratti afaanichumaan nitaasifama. Qorannooleen Afaan Oromootiin qophaa’anis ta’e kanneen biroon Afaan Oromootiin barreeffamanii ulaagaalee qajeelfama JDQ guutanii maxxanfamanii dubbistoota yoo qaqqaban caalmaatti bu’a-qabeessa ta’u jedhamee waan itti amanameef jornaaliin kun jalqabame. 

Jornaaliin kun qorannoolee gaggabaaboo (Articles) Afaan Oromootiin barreeffaman axareeraasaanii qofa Afaan Ingiliziitti jijjiiree afaan lamaan kan maxxansu yoo ta’u, qaamolee hafan garuu afaanuma Oromoo qofaan maxxansa.

Jornaaliin kun waggaatti yeroo lama maxxnfama. Maxxansi jalqabaa Adoolessaa hanga Muddeetti yammuu ta’u inni lammataammoo Amajjii hanga Waxabajjiitti ta’a. Barreessitoonni qorannoos ulaagaalee jornaalii kana keessatti barreeffaman guutuusaanii erga mirkaneeffatanii booda dorgommii maxxansaaf galchatu.

Imaammata Jornaalichaa

Kaayyoo Jornaalii Dilbii Qorannoo

Jornaaliin Dilbii Qorannoo (JDQ) jornaalii seera-qabeessaafi beekamtii Yuunivarsiitii Wallaggaatiin hundaa’edha. Kanaaf:

  • Jornaalii kanarratti qorannoofi qo’annoo saayinsii, aadaa, afaan, falaasamaa, aartiifi teekinooloojiirratti qophaa’anis ta’e beekumsa haarawaafi qorannoolee rakkoo hiikuurratti xiyyeeffatanii Afaan Oromootiin barreeffaman hunda ulaagaa calallii jornaalichaa eegan maxxansiisuu.
  • Yuuniivarsiitiiwwan Itoophiyaafi qaamolee barnootaa biroo wajjin walitti-dhufeenya cimaa uumuufi jijjiirama ariifachiisaa ta’een qorannoowwan saayinsaawoofi argannoowwan haaraa argaman maxxansuu
  • Qorannoowwan sadarkaa Itoophiyaafi biyyoota alaatti qulqullinaan dhiyaatan maxxansiisuu
  • Walumaagalatti, qo’annoowwan saayinsaawoo adda addaa adeemsisuun dhimma barnootaafi aadaa Oromoorratti hojjataman addunyaarratti beeksisuu fa’i.

Qabiyyeewwan Jornaalichaa

Jornaaliin kun argannoowwan qorannoo haaraa, yaad-rimeewwan, muuxannoowwaniifi qo’annoowwan adda addaa matadureewwan barsiisoofi falmisiisoo ta’an, matadureewwan affeeraman, gabaasa raawwii yookaan mudannoowwan garaagaraa, haasaa gabaabaa, faayidaafi ga’ee aadaa afaan, saayinsii, teeknooloojiifi aartiirratti kan xiyyeeffatudha. Jornaalii kanarratti, qorattoonni, barsiisonniifi beektonni sadarkaa garaagaraarra jiran guddina Saayinsii, teeknooloojii, aadaa, afaaniifi aartii Oromoorratti gumaacha guddaa godhu jedhamee abdatama.

   Jornaalii kanarratti maxxansuuf

Mataduree jornaalii Dilbii Qorannoorratti maxxansaaf dhiyeessuun dura karaa barreeffamni dhiyaatuufi karaa attamiin gulaalamee maxxansaaf fudhatama akka argachuu danda’u beekuun barbaachisaadha.

   Adeemsa Gulaallii

Barreeffamoonni dhiyaatan ulaagaalee gulaallii yookaan maxxansaa darbaniis kanaan dura dhimma kamii irrattillee kan hinmaxxansamin, kan hindhiyeeffamin ta’uu qabu. Barreessitoonni waraqaalee ulaagaalee armaan olii guutanii argaman qaban barreeffamasaanii    jornaalii kanaaf erguu nidanda’u.

Gulaalaan barreeffama haaraa dhiyaate saayinsaawaafi sirriitti kan qubeeffame ta’uusaa akkasumas, ergaa sirriifi gaarii dabarsuu danda’uusaa gadi fageenyaan nilaala. Barreeffamoonni Jornaalii Dilbii Qorannoorratti maxxanfamuuf ulaagaalee jornaalichaa hinguunne ogeessa qabiyyee barreeffamichaa sanaa wajjin hidhataafi muuxannoo qabuun akka irra deebi’amee ilaalamu taasifama. Haata’u malee, gulaaltonni filataman adeemsa gulaalliirratti barreessitootaa wajjin akka wal hinqunnamneef iccitiisaa eeguun dirqama. 

Dhumarratti, barreeffamoonni dhiyaatan hunduu yaada gulaaltotaarratti hunda’uun murtii dhumaa argatu. Gulaaltonni barreeffamichi irra deebi’amee ilaalamuu yookaan fuudhatama argachuufi dhabuu akkasumas kan fooyya’uun irra jiru ta’uusaa barreessitootaaf nibeeksisu. Barbaachisaa yoo ta’es barreessaan /tuun yaadota barreeffamicharratti dhiyaataniif deedii keennuun barbaachisummaa yookaan faayidaa bareeffamichaa gulaaltonni akka hubatan gochuu nidanda’u. Barreeffamoonni maxxansaaf filataman seer-luga, sirna tuqaalee, haala maxxansaaf dhiyeenyassaa waraqaa maxxanfamurratti yaada kennamu sirreessuun guyyaa sadii keessatti deebi’uu qaba.

                Seerota Gulaallii

Barreeffamoonni ulaagaalee jornaalichaa hinguunne irra deebi’ee akka ilaalamuuf barreessaaf/tuuf nideebifama. Yoo ta’uudhaabaate garuu nihaqama.

Dhaabbanni Jornaalii Dilbii Qorannoo kun barreeffamoota fudhatama arggatan akkaataa seera yookaan adeemsa gulaallii hordofuun sirreeffachuuf mirga qaba. Guyyoota eeramaniin booda diyeessuun hindanda’amu. Adeemsi murtii xumuraa erguu hundi toora intarneetiin xumurama.

Qajeelfama Qorattootaaf

    Barruulee Qorannoo Erguu

Waraqaan qorannoo qorataa yookaan qorattuurraa fuudhamee xalayaa wajjin ‘e-mail’ dhaan gulaalaatti/tuutti ergamuu qaba. Waraqaan qorannoo haala milkaa’aa ta’een erga ergamee booda sa’aa 72keessatti simatamuusaa (milkaa’uusaa) qaama ergame sanaaf beeksifama.  Waa’ee jornaalichaa akkasumas akkaataa qophii waraqaa qoraannoosaanii ilaalchisee qorattoonni gaaffii yoo qabaatan dhuunfaan osoo hintaane, karaa ‘e-mail’ tiin ibsamuu qaba.

Afaan Oromoo afaan hojii jornaalichaati. Barruulee qorannoo gara Oromoo kanatti ergamanis kanaan duraa hinmaxxanfamneefi biraa irraattis maxxansaaf hinergamin ta’uu qaba. Qorattoonni hojii qorannichaa keessaa qooda qaban hundi qorannoo ergame keessatti eeramuunsaanii mirkanneeffamuu qaba.  Barruun qorannoo maxxansaaf hinmilkoofne deebi’ee qorattootaaf hinkennamu. Qorattoonni waraqaa maxxansaaf ergan hunduu qajeelfamoota jornaalichaa simachuun dirqama.

           Qophii Barruulee Qorannoo

  1.  

Waraqaaleen Qorannoo Jornaalii kanaarratti maxxanfaman marti Afaan Oromootiin barreeffamu. Bal’inni waraqichaa A4(8.27” *11.69”) irratti gurguddinni qubeesaa waalta’aa (12)n walirraa siqeenyi keeyyattoota himoota gidduu jiru lama (double-spacing), daangaa karaa bitaafi mirgaa (margins) kana jechuun, fuula jalqabaa yookaan matadureerraa kaasee   yoo xiqqaate 1” (2.5) qophaa’an qaba.  Sararoota daangaa keessa jiraniif jalqaba barruurraa kaasee walittii fufiinsaan lakoobsi kennamuufii qaba.

Bifa qubeessuu ‘Times New Roman’ guutummaa barruu qorannoo sanaa keessatti haala wal fakkaatuun fayyadamuun dirqama. Qorattoonni guutummaa waraqaa qorannoosaanii keessatti akkaataa (style) Jornaaliin Dilbii Qorannoo fayyadamu hordofuun dirqama.

Adeemsa simannaafi calallii keessatti, qorannoon kamiyyuu simatamuuf Afaan Oromoo qofaan barreeffamanii seera afaanichaa, aadaa, duudhaa, safuufi eenyummaa hawaasichaa kan eegan ta’uu qabu.  Kanneen Afaan Oromoo sirriitti hinbeeknes qorattoota Afaan Oromoo sirriitti gulaaluu danda’an qunnamuun haalduree jornaalichi barbaadurratti akka singargaaran gochuun furmaata ta’uu cimsinee isin hubachiisna.

Waraqaan qorannoo dhiyaatus duraa duuba armaan gadii of keessatti hammata:

  1.  
  1.  

[

Guutumaan mataduree barruu qorannichaa, maqaa qorattootaa, dhaabbata keessaa dalagaanniifi ‘e-mail’ qoratichaa/ttittii keessatti   hammachiifamuun dirqama.  Matadureen (Title case) hanga guddina qubee 11 furdaa (bold) yoo ta’u qubeewwan jalqabaa jechoota matadurichaa qubee guddaadhaan barreeffamuu qabu. Matadureen gara bitaarraa xiqqoo gara gidduutti siquu qaba.

Qorattoonni maxxansa biyya keessaaf yoo ta’e dursa maqaasaaniitti aansee kan abbaasaanii barreessuun dirqama. Maxxansa biyya alaaf garuu maqaa abbaasaanii dursuun maqaasaanii itti aansuun    barreessuu qabu. Maqaalee kabajaa barreessuun hinbarbaachisu.

Yeroo hundumaa fuulli lammaffaan Axareeraafi jechoota ijoo qabata. Axareeraan jechoota 400kan hincaalleen duraa duubasaa eeguun ka’umsa, barbaachisummaa, malleen, argannoofi goolaba qorannichaa haala ifaa ta’een dhiyeessuu qaba. Jechoonni ijoon yookaan gaaleewwan gaggabaaboon3 hanga5 ibsaaf tolan axareeraa jalatti tarreeffamu.

Jechoota hubachuuf rakkisoo ta’aniifi kanneen baay’ee beekamoo ta’an barreessuurraa of qusachuun barbaachisaadha. Bakka   barbaachisaa ta’etti gulaaltonni utuu qorattoota hingaafatin jechoota ijoo akka sadarkaa jornaalichaaf malutti sireessuu nidanda’u.

        3. Seensa

Seensi kan of keessatti qabachuu malu seenduubee yaada matadurichaa, yaada ka’umsaa, kaayyooleefi daangaa qoranichaa ta’a.

      4. Malleen

As jalatti malleen qorannichi ittiin hojjatametu ibsama.

Yaaxxinaalee faayidaarra oolan, haala ifaa ta’eefi hubatamuu danda’uun ibsuun dirqama. Malleen dhimma itti bahamanis madda tokkoffaa (original source) qofarraa fudhatamuu qabu. Ibsichi haala amaniisaa ta’uu danda’uun barreeffama.  Malleen akkamtaa yookaan hammamtaa keessaa odeeffannoo xiinxaluuf kan dhimma itti ba’ame mullifamuu qaba.

5.  Ragaalee Xiinxaluu

As keessatti ragaalee argamantu xiinxalamu.  Ragaaleen qorataan sakkatta’ee argateefi akkamiin akka xiinxale asitti mul’ifama. Innis ifaafi gabaabaa ta’uutu irra jira.  Kutaan kun gaaffilee bu’uraa ka’umsa qorannichaa deebisa.  Barreeffamichi duraafi duubnisaa eegamee barreeffamuutu irraa eegama.

6. Goolaba

Goolabni yaada gabaabaa ofdanda’e yookaan qaama kutaa xiinxala ragaafi argannoo cuunfee dhiyeessudha. Goolabaafi argannoo kutuma tokko jalatti dhiyeessuun fudhatama qaba. Argannoowwan ifaafi gabaaboo ta’uu qabu. Sunis kaayyooleerratti bu’uuru.

    7. Wabiilee 

Maddoonni qaama barreeffamichaa keessatti wabeeffatamani wabiilee keessatti hammatamuusaanii kanneen wabiilee jalatti tarreeffamanis qaama barreeffamichaa keessatti wabeeffatamuusaanii mirkaneeffachuunis dirqama. Maddoonni hinmaxxanfaminiifi waliin haasaan dhuunfaa tarreeffama wabeeffannaa jornaalichaa hordofuun dirqama ta’a. “Kan hinmaxxanfamin” jedhamuun agarsiifama.  Wabeeffannaan haala ‘APA style’ hordofa.

Unka Wabeeffannaa Keessoo Barreeffamaatti

  1.  

Maqaa barreessaa/ttuufi bara maxxansaa

Maqaa barreessitoota lameeniif bara maxxansaa

     Maqaa barreessaa /situu jalqabaa, itti aansuun gaalee” kaawwan jedhu luuccessuun (italics) barreessuufi bara maxxansaa kaa’uudha.

      Unka kutaa wabiilee keessaattii

Wabiileen hundi tartiiba qubeetiin tarreeffamuu qabu. APA style hordofuun dirqama.

Artikilii 

Rampton, B. (2007). Neo-Hymesian Linguistic Ethnography in the United Kingdom.  Journal of Sociolinguistics, 11(5) 584-607.

         Dhaabbata akka Barreessaatti

Ethiopian, Ministry of Education, National Education and Training Policy. (NETP) (1994).

 Waraqaa /Boqonnaa kitaaba keessaa

Davies B., & Harre, R. (1999). Positioning & Personhood. In, R, Harre& L. Van Langenhoven (Ed.). Positioning Theory (pp. 32-52). Blackwell.

 Kitaaba

Cope, B., & Kalantzis, M. (2002). Multiliteracies: literacy learning and the design of social futures. New York: Routledge.

         Waraqaa Qorannoo 

Toleera Galataa (2008). Qoqqoodinsa loogota Afaan Oromoo. Waraqaa qorannoo PhD Yuunivarsiitii Wallaggaa: Naqamtee.

         Fuula Marsariitii

Fuulli kun barreessaa, mataduree, Odeeffannoo dabalataa, guyyaa jornaalichi maxxanfame (yoo barbaachisaa ta’e), toora marsariitii jornaalichi irrattargamu of keessatti qabata.

Fakkiileefi Gabateewwan

Fakkiileefi gabateewwan jornaalicha irratti argamu lakkoofsaan tarreeffamuun tokkoon tokkoonsaanii fuularratti argaman waliin adda baafamuun kaa’amuu qabu.

  1. deebiin kan hinibsine ta’uu qabu.
  2. jijjiiramaniif eyyama qabaachuun dirqama.

                  b. Fakkiilee

  1.  
  2. Matadureewwaniifi ibsi gadii fagoon furtuu keessa jiran ibsa waliigalaa keessatti dhiyaatu malee ibsa qofaatti hinqabaatan.
  3. Giraafinnoofi suuraawwan biroon bifa lakkoofsaan yeroo dhiyaatan, wantisaan irratti hundaa’an dhiyaachuu qaba.
  4.  Yoo suura namootaatti fayyadamne eyyama barreeffamaan fudhachuun dirqama ta’a.
  5. Suura kanaan dura wanta biraarratti maxxanfamu yoo ta’e madda duraa sana galateeffachuufi eyyama barreeffamaa galchanii gaafachuudhaan itti gaafatamummaa mirga abbummaa irra eyyama gaafachuun barbaachisaadha.

Hub: Jornaalichi suuraawwan xiqqeessee kutuu, naannessuu, hangasaa hir’isuu yookaan guddisuufi hanga barbaadame taasisuuf mirga qaba.

Yaadota Namootarraa Kennaman

Qorannoon dirree akkaataa ragaa arganneen adeemsa qorannoo hordofee ibsamuutu irraa eegama. Barreessitoonni dirree murtaa’aa ta’erratti hindalagne garuu hojii haaraafi argannoo hawwataa ta’e kana qaban yoo ta’e bifa barnootaaf ta’uun maxxansuu/barreessuu nidanda’u. Walumaagala yaadonni shan hubatamuu qabu.

  1. Ilaalcha si’anaa/Ammee: Artiikiloonni kunneen odeeffannoofi yaadota kallattii ammaafi dhimmoota mataduree qorannoofi yaaxxinnaalee haaraa dirree qo’annoorra jiran ibsa.
  2. Axareeraa: jechoota 250
  3. Jechoota ijoo: jechoota 3-5
  4. Qaama barruu isa guddaa: hanga fuula 20 kan ta’e
  5. Wabiilee: yoo xiqqaate 10
  6. Yaada gadi fagoo: matadureen sun dhimma hanga ammaatti hinibsamin uwwisuu qaba. Dirree dhimma haasa’amu tokkorratti maree gadi fagoon akka gaggeeffamuuf fulcha akka kennu eegama.
  7. Axareeraa: Jechoota 350
  8. Jechoota ijoo: 3-5
  9. Qaama barruu isa guddaa: hanga fuula 40 tti
  10. Wabiilee: yoo baay’ate 110
  11. Yaada sakatta’iinsaa: mataduree duraan hinlaalamin irratti kan xiyyeeffatu ta’ee sakatta’a cimaan kan irratti gaggeeffamuun dhiyaatudha. 
  12. Axareeraa: Jechoota 400
  13. Jechoota ijoo: 3-5
  14. Hanga fuula 70 tti qabatee kan jiru dubbii ijoo ergaa barreffamichaati.
  15. Baay’ina wabiilee: ….320 kan qabate
  16. Yaada marii gabaabduu: (forum mini reviews): Yaadni marii kun yoo xiqqaate jornaalii fuula 40 kan qabu ta’ee, yaadni marii inni of keessatti qabate mataduree yaada mariif adda ba’e ta’ee artikiliifi baafata kan qabateedha.  Kana keessatti kan hammatamu:
  17. Axareeraa: jechoota 200
  18. Hanga fuula 15tti kan hamate Qabiyyee barreeffamichaa
  19. Wabiilee: 30 hincaalle kan hamate
  20. Yaaxxina haaraa: yaada sadarkaa addunyaatti haaraa ta’e beeksisuudha. Artikiliin bifa kanaan barreeffamus yaada haaraa, falaasamaafi aadaa Oromoo xiyyeeffatee qohaa’uun madaallii sirrii ta’een mirkanaa’a. Qabiyyee kana keessattis kan hammatamu:
  21. Axareeraa: jechoota 250
  22. Dubbii ijoo: 3-5
  23. Hanga fuula torbaatamaatti kan hammatame ergaa ijoo barreeffamichaa
  24. Baay’ina wabiilee: 300

Jornaalii kanarraas kan eegamu yaada marii maxxansa irrattiifi booda taasifama irratti haaromsaafi marii taasisa. Xalayaan barreessaadhaaf barreeffamus yaadaafi qulqullina artikilii jornaalii kana keessatti maxxanfamu akka sirreessu mirkaneessa. As keessatti Barreessitoonni afur hirmaachuu danda’u.

Ilaalcha haaraa (Argannoo)

Tooftaa wanta haaraa ta’e tokko adda baasuun agarsiisudha. Argannoowwan haaraan kamiyyuu qo’annoo jornaalii kana jalatti barbaachisummansaa ni ibsama. Wanti ibsamuuf deemamu kunis wantoota barbaachisoon ta’anidha. Kana keessatti haalli ittiin ibsaman:

Jechoonnisaa 800 kan hincaalle, wabiilee 8 kan hammatu, gabatee lama yookaan fakkii lama kan hincaalleef; barreessaa afur kan qabate.

Jornaaliin kun: Boordii gulaaltotaa, gulaalaa olaanaafi gulaaltota gargaaroo of keessatti qabata. 

Murtoo

Barreessaan barreeffama fudhatama argate fuula intarneetii yookaan ‘e-mail’ nibeeksifama. Kana malees, kallattiiwwan garaagaraa dhimmoota barreeffama sanarratti irradeebiin ilaalamu qaban karaa marsariitii dhoksaa ta’een nibeeksisa. Sadarkaa kanatti, himoota jijjiiruuf itti dabaluun dhorkaadha. Akkasumas tutuqaaleen garaagraas hiika jechootaa yookaan yaada fiduu waan danda’aniif tuttuquun hindanda’amu. Jijjiirraa matadureefi akkasumas fuula sanarratti wantoonni barbaachisoon ta’an jijjiiruun yoo barbaachise kun kan illaallatu gulaaltota sana qofa. Qaamni jornaalii kana abbummaan maxxansiisuu ga’ee yookaan gaafatamummaa barreessitoonni hundi jijjiirraafi sirreeffama barreeffama kanarratti godhaman irratti waliigaluu isaanii qulqulleeffachuu qabu. Barreeffamni maxxansiisuuf barbaadame kun sa’aatii 48 keessatti deebi’ee maxxansaaf kennamuu qaba. Barreeffamni qophaa’e kunis kan kennamuuf itti gaafatamaa jornaalichaa qofaaf ta’a.

Jijjiirraa Abbaa Qabeenyummaa

Jornaalii kana keessatti yaada dabaluun, hir’isuu yookaan yaada barreeffama barreessichaa gabbisuufi sirreessuu of keessatti qabata. Barruun barreessaa kunis dura maxxansaaf utuu hindarbin wantoonni sirreeffamuu qabaniifi gulaalamuu qaban gulaalaa olaanaadhaan yookaan gulaalaa waliigalaatiin sirreeffamanii, wanti sirreeffameefi keessaa hir’ate yoo jiraate sababa isaa ibsuun karaa toora intarneetii yookaan karaa ergaa garaagaraa kan akka ‘e-mail’, xalayaafi suura waliigaltee uumameen, karaa gulaalaa dhimmicha hordofaa tureen barreessichaaf abbummaan eegamee maxxanfama.

Xalayaa Gulaalaaf

Jornaaliin kun sochiiwwan jiran hubachuun dhimma waraqaa maxxanfamu gulaalaaf xalayaa erga. Waraqaa maxxanfamu irratti barreessaa waliin haaromsaafi marii nitaasisa. Yaadaafi qulqullina artikilii maxxanfamuuf akka sirreessuuf barreessaaf ergama.

Waliigaltee

Barreessaafi dhaabbata jornaalichaa gidduutti waliigalteen nitaasifama. Kunis, Akkuma sirreeffamni adda addaa taasifameen osoo maxxansuuf hinergin dura mirgi maxxansaa barreeffamaan guutummaa guutuutti dhaabbatichaaf nikennama. Kunis waliigaltee barreessuun mallatteeffama.

Seera To’annoo Hannaa

Hanni hojii nama biraa eyyama tokko malee yookaan argannoo teekinooloojii barreessichaa osoo hinibsin akka hojii ofiitti fudhachuun waraqaa qorannoo ittiin dhiyeessuu yookaan fudhatanii waraqaa qorannoo dhiyeessuudha. Kanaaf, imaammanni qorannoo hannaa kun hojii akkasii kamiifuu karaa hinsaaqu.