Gahee Dubartootni Oromoo Sirna Gadaa keessatti Qaban
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1175Keywords:
Sirna, Gadaa, Siiqqee, Ateetee, CaaccuuAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa ‘Gahee Dubartootni Oromoo Sirna Gadaa Keessatti Qaban Xiinxaluudha. Ka’umsi qorannichaas ilaalcha namootni qooda dubartootni sirna Gadaa keessatti qaban muraasa akka ta’etti ykn hinqabneetti kaasan ragaan deeggaruun faallessuudha. Qorannichis kan gaggeeffame mala qorannoo akkamtaa ibsaanidha. Maddeen ragaalee qorannichaa ogeeyyota aadaafi manguddoota yoo ta’an, malleen iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaanis filatamniiru. Malleen funaansa ragaalee immoo afgaaffii, mariigareefi sakatta’aa dokumentiidha. Ragaaleen funaanamanis akkaataa qabiyyeen qoqqoodamanii qaacceffamaniiru. Haaluma kanaan, argannoon qorannichaas, Sirna Gadaa keessatti dubartootni iddoo olaanaafi gahee guddaa kan qaban ta’uu adda ba’eera. Hirmaannaa dubartootaa kanneen calqqisiisan keessaa tokko dubartootni seera qabeessummaafi qajeelummaan bulchiinsa Abbaa Gadaa hordofuu isaaniti. Sirnoota ciccimoo sirna Gadaa jalatti dubartootaan raawwataman isaan ijoon: siiqqee, ateetee, qanafaafi caaccuudha. Akkasumas, gahee dubartootni gama siyaasaafi nagaa buusuu, rakkina hawaasa keessatti uumame haati Siiqqee ykn haati manaa Abbaa Gadaa siiqqee ishee qabachuun rakkina sana furuu; bulchiinsaaf Abbaa Gadaa qopheessuu; dabalataanis, gama hawaasummaafi diinagdee keessatti hirmaannaa kan qabanidha. Gama biraatiin, dhimmootni kabajni dubartootaa keessatti calaqqisan: dubbiin dubartootaa fudhatama kan qabu ta’uu; dubartoota dura malkaa kan hince’amne ta’uu; deessuu goota deessu ta’uu; hojii humnaafi ciccimaa kan hinhojjechiifamne ta’uufi dubartootni yeroo jilaa uwwisaa kan qaban ta’uudha. Kanaaf, ga’ee dubartootni sirna Gadaa keessatti qaban daran olaanaa waan ta’eef kunuunsuun dhaloota dhufuuf dabarsuun barbaachisaadha.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2024 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved