Gahee Tiyaatirri Aadaafi Eenyummaa Dhalootaa Eeguu Keessatti Qabu: Tapheen Jennaan xiyyeeffachuun

Authors

  • Gadaa Wayyeessaa Wollaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.2146

Keywords:

tiyaatira, aadaa, eenyummaa, taphee Jennaan, kunuunsa aadaa

Abstract

Qorannoon kun gahee tiyaatirri aadaafi eenyummaa dhalootaa eeguu keessatti qabu xiyyeeffannoo taphee Jennaan kan adeemsifamedha. Qorannoon kun mala qorannoo akkamtaan kan adeemsifame yoo ta’u maddeen ragaalee qorannichaa qajeelchaa bartaphee Jennaan, taphatoota tapheefi miseensa daawwattootaati. Malleen iddatteessuu itti dhimma ba’amanis mala miti carraa akkayyootti dhimma ba’amee jira. Malleen funaansa ragaalee itti dhimma ba’amanis afgaaffii gamtokkeen caaseffamaa yommuu ta’u, malli xiinxala ragaalee immoo mala qorannoo akkamtaa keessaa qorataan mala ibsaatti gargaarameera. Bu’uuruma kanaan argannoowwan ijoo qorannoo kanaa aadaa, duudhaafi safuu ummataa eeguufi eenyummaa waloo tumsuu keessatti tapheen Jennaan humna guddaa qaba. Tiyaatirri meeshaa hawaasni baroota dheeraaf duudhaa, sirna amantaa, afaaniifi oguma dhalootaa gara dhalootaattii ittin dabarsu ta’ee tajaajilaa tureera. Dabalataan tiyaatirri Jennaan jijjiiramummaa aadaafi eenyummaa yaada ammayaa waldiddaa taatotaa gargaaramuun falmii taasisuun eenyummaa, aadaafi haala qabatamaa bultoo hawaasichaa barsiisa. Qorannoon kun akka agarsiisutti, tiyaatirri aadaa kunuunsuu, beekumsa dabarsuufi uummata tokkoof odeeffannoo kennuuf utubaa qunnamtii hawaasaa ta’ee tajaajila. Xumurarratti, tiyaatirri hambaalee, aadaafi eenyummaa dhalootaa eeguufi murteessaa ta’uu isaan dhaloota egereef kaarikulamii barnootaa keessatti bocamuu akkasumas barnoota hujoon (applied theatre) duudhaa, aadaafi eenyummaa dhalootaa hawaasa hirmaachisuun calaqqee eenyummaafi aadaa isaa tiyaatiratti akka dhimma ba’uu cimsee yayyaba.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2026-06-22

How to Cite

Wayyeessaa, G. (2026). Gahee Tiyaatirri Aadaafi Eenyummaa Dhalootaa Eeguu Keessatti Qabu: Tapheen Jennaan xiyyeeffachuun. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 4(1), 1–12. https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.2146

Plaudit