Xiinxala Adeemsa Ibsa Jechootaa Afaan Oromoo: Adeemsa Gareen Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo Jechootasaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoof Ibsurratti Kan Xiyyeeffate

Authors

  • Damee Abarraa Ambo University
  • Wandimmuu Taganyi Ambo University
  • Guddataa Abdiisaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.751

Keywords:

adeemsa, ibsa, Wiirtuu, afsadee, dhi’eessa, maxxansa, karaalee

Abstract

Qorannoon kun adeemsa Gareen Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo jechoota moggaasu ittiin ibsu xiinxaluu irratti xiyyeeffate. Adeemsa qorannichaatiif, saxaxni ibsaa hojiirra oolee jira. Maddi ragaalee qorannichaa tokkoffaafi lammaffaa yoo ta’u, malli iddatteessuu hojiirra oole ammoo kaayyeffataadha. Ragaaleen madda tokkoffaa bargaaffiifi afgaaffii gartokkeen caaseffamaatiin walitti qabamani. Kan madda lammaffaa garuu, sakatta’a kuufatootaatiin funaanamani. Ragaalee funaanaman xiinxaluuf malli hojiirra oole, mala qorannoo walmakaati. Firiin secca’a ragaalee adeemsisuudhaan argame akka agarsiisutti, Gareen Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo jechoota moggaasu Barruulee Wiirtuu fuulawwan gara dhumaa irratti bifa galmee jechootaa afsadeetiin maxxansiise. Jechoota Afaan Oromootiif moggaase Afaan Amaaraafi Afaan Ingiliziitti hiikuudhaan dhi’eesse. Kan Jildii 7 malee, duraa duubni qubeefi jechoota ittiin Barruuleewwan Jildii 1-9 irratti dhi’eesse kan bifa tokkoon ibsamuu danda’an miti. Jildii 10fi 11 irratti tartiibni qubeetis ta’ee, kan jechootaa hordofame kan Afaan Oromooti. Jechoonni moggasaman karaa barruulee kanneenii Dhaabbilee Barnoota Olaanootiif dhi’aatu. Haata’u malee, carraan Barsiistonni Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Barruulee Wiirtuu argachuuf qaban gadaanaadha. Kan irraa kan ka’e, jechoota gareen kun moggaasu argatanii itti fayyadamuu hindandeenye. Sababuma kanaan maddoota akka wiirtuu waaltina afaanichaatti beekamtii hinqabaanne adda addaa akka maddoota beekumsa jechoota haarawaatti fayyadamaa jiru. Kun ammoo, adeemsa waaltina afaanichaatiif gufuu guddaadha. Kanaafuu, Biiroon Aadaafi Turiizimii Oromiyaa garee kana gargaaruudhaan akkaataa maxxansaa, hanga maxxansaafi karaalee dhi’eessaa saayinsaawaa ta’e akka hordofu osoo taasisee milkaa’inni hojiifi saffisni waaltina jechoota afaanichaa sadarkaa barbaadamu irra ga’uu ni danda’a.

 

Downloads

Download data is not yet available.

Author Biographies

Damee Abarraa, Ambo University

Lecturer, Department of Oromo Language and Literature

Wandimmuu Taganyi, Ambo University

Associate Professor, Department of Linguistics 

Guddataa Abdiisaa, Wallaga University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Downloads

Published

2023-10-11

How to Cite

Abarraa, D., Taganyi, W., & Abdiisaa, G. (2023). Xiinxala Adeemsa Ibsa Jechootaa Afaan Oromoo: Adeemsa Gareen Qorannoo Moggaasa Jechootaafi Waaltina Afaan Oromoo Jechootasaa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoof Ibsurratti Kan Xiyyeeffate. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 1(1). https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.751

Plaudit