Ga’ee Safuu Xabboo Ijaarsa Hawaasaa Keessattii: Oromoo Maccaa Xiyyeeffachuun
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1152Keywords:
safuu, ijaarsa, hawaasa, beekumsa, xabbooAbstract
Qorannoon kun, Oromoo Maccaa keessatti ga’ee safuun xabboo ijaarsa hawaasaa keessatti qabu kan qoratedha. Kaayyoon isaas ga’ee safuun xabboo caasaa hawaasaa itti fufiinsaan sirneessee ijaaruu keessatti qabaachaa ture xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaa sanyaabsa ta’ee, dhiyaannaa akkamtaan kan hojjetamedha. Ragaaleen barbaachisaan, namoota beekumsa safuu xabboo ga’aa qaban gandoota Daaloo Koomtoofi Haroo Caalchis keessaa, mala iddattoo akkayyoofi darbaa dabarsaan, abbootii Gadaa, haadha siiqqeefi maanguddoota filatamanirraa walitti qabame. Meeshaalee ragaan ittiin funaaname, afgaaffii gadi fagoo, marii garee xiyyeeffannoofi galmee waa’ee safuu sakatta’uun kan qindaa’e. Ragaalee qaacceffaman kanarraa argannoon ijoo mul’ate, safuun hariiroo hawaasaa ijaaruu; naamusaafi amala gaarii dagaagsuu; sadarkaa umrii garaagaraatti kabaja Oboofi Cooraa tiksuu; fedhii, mirgaa dhala namaa tiksuu; eenyummaa dagaagsuufi waldhabdee hiikuu; qabeenya uumamaa eegsisuun ittifufsiisuu keessatti ga’ee inni qabaachaa ture olaanaa ta’uu adda ba’eera. Haata’umlee, yeroo ammaa kana Oromoon Maccaa safuu xabbootti dhimma ba’uun sona, falaasama, ijaarsa hawaasaafi eegumsa naannoof taasisaa jiru laafaadha. Kanaaf, safuun beekumsi xabboo, rakkoolee kanneen sirneessuuf ga’ee olaanaa waan qabuuf, gama imaammata mootummaafi barnootaan xiyyeeffannoon itti kenname ammayyummaan walbira qabuun osoo itti dhimma ba’ame dagaagina ittifufiinsaa dinagdeefi hawaasa biyya kanaaf bu’uura ta’a.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2024 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved