Xiinxala Hirmaattota Daldala Gabaa Bunaafi Danqaawwan Dhiyeessii Keessatti Mul’atan: Goodina Wallagga Bahaa Irratti Kan Xiyyeeffate
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v3i1.1558Keywords:
buna, danqaawwan, rigreeshinii piroobitii Jijjiirama baay’ee, Wallaggaa BahaaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa, danqaawwan oomishaafi gabaa bunaa Godina Wallaggaa Bahaa keessa jiru adda baasun xiinxaluudha. Ragaaleen qorannoo kana irra argamu, akkamitti damee oomisha bunaa guddisuun akka itti danda’amu yaada kennuuf gargaara. Galteen qorannoo kanaa gaafannoo barreeffamaa fayyadamtoota bunaa 620 fi oomishtoota bunaa 482 irraa funaaname. Dabalaatanis sakkata’insa barruu taasifneerra. Akka qorannoon kun ifa baasetti, oomishtoonni bunaa gatii madaalawa ta’e yeroo baay’ee waan hin arganneef quuqama qabu. Kan biroon immoo, daldaltoota al-ergiifi baaburrii buna qishiru dhibuufi waldaan hojii gamtaafi yuuniyeeniin immoo tasuma gabaa bunaa keessatti hirmaachuu dhabuun, bunni Wallaggaa Bahaa akka gara gabaa giddu-galeessaatti hin dhiyyaanneef sababa ta’uu mala. Bakki gabaa bunaa gidduu galeessa Finfinnee irraa fagaachuun isaammoo rakkoo kana haalaan hammeesseera. Kunis walitti dhufeenyi warshaa buna qishiru (piroosesarootaa)fi al-ergitoota waliin jiru daraan cimsuu akka qabu gaafata
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2025 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved
Accepted 2025-05-30
Published 2025-06-25