Tajaajilaalee Walaloo Sirboota Siyaasaa Oromoo Filatamanii Bara 1991 -2018: Ija Yaaxxina Faayidaalessummaatiin

Authors

  • Ilfinash Qinaaxxii Wallaga University
  • Ashannaafii Balaay Jima University
  • Waaqtolaa Waaqjiraa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.969

Keywords:

qabsoo, seenaa, siyaasaa, tokkummaa

Abstract

Qorannoon kun Tajaajila Walaloo Sirboota Siyaasaa Oromoo filatamanii bara 1991 -2018’tti sirbamaa turanii xiinxaluu irratti kan xiyyeeffatedha. Mata duree kana irrattis akka hojjettuuf qorattuu kan kakaase qaawwa qorannoo sakatta’a taasiste irraa argitedha. Innis, hojiilee ogbarruu barreeffamaa keessaa walaloo sirbootaa irratti hojjetaman hedduu muraasa ta’uufi bal’inaafi gadfageenya kan hinqabne ta’uusaa yemmuu ta’u, addumaan ammoo sadarkaa digirii sadaffaatti waan hojjetame kan hinjire ta’uu isaati. Kaayyoo gooroon qorannichaa tajaajila sirboonni siyaasaa Oromoo bara 1991 - 2018 keessa sagaleefi suursagaleen maxxanfamanii sirbamaa turanii maalfaa akka ta’an ibsuudha.  Maddi ragaa qorannichaa madda ragaa tokkoffaa yemmuu ta’u innis, walaloo sirboota siyaasaa Oromoo bara 1991 - 2018 keessa maxxanfamanii sirbamaa turaniiti. Walaloo sirbootaa kanneenis gosa iddatteessuu miti carraa keessaa mala akkayyoo fayyadamuun sirboota baaqqee sagalee fi suursagaleen maxxanfamanii sirbamaa turan keessaa walaloo sirboota siyaasaa artisti Ilfinash Qannoo, Eebbisaa Addunyaa, Ittiiqaa Tafarii, Keekiyyaa Badhaadhaafi Hacaaluu Hundeessaatu filataman.  Ragaalee qorannichaas mala sakatta’a dookimentiitti gargaaramuun walaloo sirbootaa karaa marsariitii yuutuubiitiin gad-lakkifaman keessaa kanneen iddattoo qorannichaatiif filatamantu walitti qabaman. Sirboota iddattoo qorannichaatiif filataman irra deddeebiin erga dhaggeeffatamee booda gara barreeffamaatti jijjiirame. Itti aansuun, tajaajila isaanii irratti hundaa’uun garee garaa garaatti, erga qoqoodamanii booda mala xiinxala ibsa akkamtaa bu’uureffachuun xiinxalamaniiru. Akka ragaaleen xiinxala irraa agarsiisanitti, walaloon sirboota siyaasaa Oromoo bara 1991 – 2018 keessa sirbamaa turanii tajaajilli isaanii, qabsoo bilisummaa finiinsuu, gabrummaa ofirraa darbachuuf onnachiisuu, xiiqii namatti horuu, tuttuqanii gara gochaatti nama oofuu, tokkummaa itichuu, akkasumas, yaadannoo waloo sabaa kaasuun miidhama darbe irraa akka barataniif kan kakaasan ta’uu isaaniiti.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-06-27

How to Cite

Qinaaxxii , I., Balaay , A., & Waaqjiraa , W. (2024). Tajaajilaalee Walaloo Sirboota Siyaasaa Oromoo Filatamanii Bara 1991 -2018: Ija Yaaxxina Faayidaalessummaatiin. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(1), 53–83. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.969

Plaudit