Xiinxala Shaakala Barsiistonni Kutaa 5-8 Gosa Barnoota Barsiisan Keessatti Dandeettii Afaan Oromoon Barreessuu Barattootaa Gahoomsuuf Qaban: Manneen Barnootaa Mootummaa Filatamoo Magaalaa Naqamtee

Authors

  • Takkaallenyi Galataa Nekemte College of Teacher Education
  • Ayyalechi Koorsaa Mana Barumsaa Sadrkaa 1ffaa Burqaa Beekumsaa

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v3i2.1803

Keywords:

barreessuu, barsiisota, barattoota, shaakala, gahumsa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa manneen barnootaa kutaa 5-8 keessatti shaakala barssisotni gosa barnoota barsiisan keessatti barattoota dandeettii barreessuu Afaan Oromoon barreessuu barattoota gonfachiisuuf gochaalee barreessii hojiirra oolchuuf dhamaatii isaan godhan adda baasuun dhimmamtoonni akka beekan gochuudha. Malli hojiirra ooles dhiyeenyi ammamta, saaxaxanni qaxxaamura sakata’aafi malleen akka hirmaattota carraa tasaan filachuu, ragaa funaanuuf bargaaffii, ragaa xiinxaluufi hiikuuf immoo istaatistikoota keessaa ibsiifi inferenshaalii hordofamee bu’aan argameera. Bu’aalee ijoon qorannoo kanaas: 1ffaa barsiisonni kutaa 5-8tti barsiisan gochaalee Afaan Oromoon barreessuu hojiirra oolchuurratti sadarkaa gadaanaarra ( =2<3) jirachuudha. Kun kan inni agarsiisu, tarsiimoo dandeettii Afaan Oromoon barreessuu barattootaa hojiirra oolchuurratti gumaachasaan gochaa jiran gadbu’aa ta’uusaati. 2ffaa gochaalee Afaan Oromoon barreessuu hojiirra oolchuun muummeewwan adda addaa gidduu garaagarummaa murteessaan kan hinjirree (F486, df=2, ɑ=.619>.05) ta’uudha. Kanarraa kan hubatamu, gochaalee barreessii hojiirra oolchuun akka waan ga’ee barsiisota Afaan Oromoo qofa ta’etti lakkaa’amuusaati; 3ffaa gochaalee Afaan Oromoon barreessuu hojiirra olchuun barsiisota dhiiraafi dubartii gidduu garaagarummaa murteessaan kan hinjirree (t2.026, df=43, ɑ=.061>.05) ta’uudha. Kun kan mul’isu, gochaalee barreessuu hojiirra olchuun saalaan kan walhinqabanne ta’uusaati. Kanaaf, dhimmamtoonni barnootaa sirna leenjii ogummaa barsiisotaafi haala mana barumsaa keessaa fooyyessuun gahumsiifi ilaalchi gochaalee barreessuu hojiirra oolchuu barsiisotaa akka gabbatu gochuufi dhimma kana irratti qorannoo dabalataa geggeessuun fala waarawaa kennuun murteessaadha.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2025-12-27

How to Cite

Galataa, T., & Koorsaa , A. (2025). Xiinxala Shaakala Barsiistonni Kutaa 5-8 Gosa Barnoota Barsiisan Keessatti Dandeettii Afaan Oromoon Barreessuu Barattootaa Gahoomsuuf Qaban: Manneen Barnootaa Mootummaa Filatamoo Magaalaa Naqamtee. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 3(2), 55–72. https://doi.org/10.20372/jdq.v3i2.1803

Plaudit