Xiinxala Duudhaa Gugsii Fardaa: Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa Xiyyeeffachuun

Authors

  • Galataa Waaqjira Wollaga University
  • Daawit Shifarraa Wollaga University
  • Taakkalaa Taarikuu Wollaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.1860

Keywords:

beekumsa xabboo, ilaalcha, dandeetti, oguma, gugsii fardaa

Abstract

Qorannoon kun xiinxala duudhaa gugsii fardaa Oromoo Horroo Guduruurratti kan gaggeffamedha. Kaayyoon isaa, qaawwa gugsii fardaarratti uumamefi hambaa beekumsa xabboo qoratee barsiisuufi haftee taasisuudha. Malli qorannoo kanaa mala akkamtahaa, gosa qorannoo ibsaati. Malli kun filatameef raawwii dhimmi qoratamufi qorataa kallattin walquunnamsiisa waan ta’eef. Iddattoon filataman aanaa sadiirraa maree garee xiyyeefatamaa yeroo sadii miseensa jaha, afgaaffii alcaaseffamaa gamisaaf nama lama lama, waliigala (24)tu fudhatame, isaanis namoota gugsii fardaa beekan tooftaa iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaan filatamani. Daawwannaan dirree yeroo lama gaggeeffameera. Ragaan mala qulqulleeffataan argames ijoo ijootti qoqqooduun, ibsuu, addeessuufi hiikuutiin xiinxalameera. Yaadiddamni qorannichi ittiin ilaalame, yaaxxina Aadaa hawwaasaati. Argannoon ijoon adda ba’e, gugsii fardaa qorachuun Oromoon duudhaaf jaalala addaan, fardaan lolee daangaa biyyaa eeggachaa turu, farda gugsii dirree adda adaatti wal leenjisaa, qaama jabeeffachaa, bashannanaa, hawwaasummaafi siyaasa dinagdeesaa wal barsiisuun milkaa’ina gonfachaa turu bira gahameera. Oromoon nama gugsiin beekamu. Maqaa, abbaa, daalee, abbaa daamaa, abbaa makoo, abbaa bulloo, abbaa magaal, jedhee wal moggaasaa akka turefi kabaja waliif qabachuu hubatameera. Argannoo kanarraa ka’uun, gugsiin fardaa jiruufi jireenyaa hawaasichaa waliin seenaafi hidhata jabaa akka qabu dhiirri umurii waggaa saddeetii kaasee leenjii gugsii shaakaluufi dorgommee adda addaaf of qopheessuun dirqama ta’uu qorannoon biragahameera. Duudhaan kun kunuun famuufi waajirri Aadafi Turiizimii, qorattoonni, duudhaa, aartiifi ispoortii aadaa hawaasa xiyyeeffannoon itti kennamee dhalootaf haftee osoo taasisanii bu’aan isaa olaanaadha.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2026-06-22

How to Cite

Waaqjira, G., Shifarraa , D., & Taarikuu , T. (2026). Xiinxala Duudhaa Gugsii Fardaa: Goodina Horroo Guduruu Wallaggaa Xiyyeeffachuun . Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 4(1), 41–61. https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.1860

Plaudit