Danqaalee Labsii Barumsa Afaan Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee: Xiinxala Waallee Liixxaa Dubbarruuwwaniifi Mallattoolee Irratti

Authors

  • Boonsaa Baabuu Salale University
  • Addunyaa Barkeessaa Addis Ababa University
  • Guddataa Abdiisaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v3i2.1822

Keywords:

dubbarruu, faassasuu, illaanya, waallee, xiinxala waallee Liixxaa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa danqaalee itti fayyadama Afaan Oromoo ilaalchisee sadarkaa biirootii hanga manneen barnootaa keessatti dubbarruufi mallattooleen jiran xiinxaluu ture. Saxaxni qorannoo kanaa mala akkamtaatiin ta’ee, xiinxala waallee liixxaatiin (critical discourse analysis) ilaaluun saxaxa ibsaa-hiikaafi faassasaatti (explanation) dhimma ba’uuni. Qorannoo kana keessatti mala iddatteessuu carraa keessaa carraa tasaafi miti carraa keessaa akkayyoofi darbaa dabarsaatti fayyadamuun geggeeffame. Meeshaalee ragaaleen ittiin sassaabaman daawwannaa, afgaaffiifi marii garee xiyyeeffataatiini. Hojjettoota Biiroo, Kutaa Magaalotaa sadiifi   barsiisota manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee irraa hirmaattota 15 ta’an afgaaffiifi 19 immoo, marii garee kan taasifameef waliini. Ragaaleen kan agarsiisan danqaaleen itti fayyadama Afaan Oromoo jiraachuu isaaniiti. Dhaabbilee kanneen olii keessatti sirna barumsa Afaan Oromoofi sirna barumsa afaan biroo (Afaan Amaaraa) irraa hojjetan gidduutti illaanya (ideology) walfaallessutu calaqqisiifama. Barumsi Afaan Oromoon akka hinkennamne, jibbi saba Oromoo, jibbi afaanii akkasumas sodaan sabni biroon saba Oromoorraa qabu dubbarruuwwaniifi mallattooleen jiran ni agarsiisu. Olaantummaan Afaan tokkoo (Afaan Amaaraa) qofaaf kennamee kan jiru ta’uusaa, qorannoo kanaan kan argameedha. Dhumarratti, bifa walfakkaataa ta’een mirga sagantaa afaanota lamaan barumsi kennamaa jiru eegsisuu danda’uun sadarkaa biirootti, waajjiraalee kutaa magaalotaatiifi manneen barnootaatti akka itti fayyadaman murtoo dabarsuu barbaachisa.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2025-12-27

How to Cite

Baabuu, B., Barkeessaa, A., & Abdiisaa, G. (2025). Danqaalee Labsii Barumsa Afaan Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa Tokkoffaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee: Xiinxala Waallee Liixxaa Dubbarruuwwaniifi Mallattoolee Irratti. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 3(2), 73–94. https://doi.org/10.20372/jdq.v3i2.1822

Plaudit

Most read articles by the same author(s)