Xiinxala Woshbaakii Qormaata Xumura Sadarkaa 1 ffaa Afaan Oromoo: Haala Barsiisota Afaan Oromoo Kutaa 8 ffaa

Authors

  • Abbabaa Baqqalaa Ambo University
  • Taammanaa Kitilaa Addis Ababa University
  • Alamuu Waggaarii Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.750

Keywords:

woshbaakii, qormaata, dhimmoota barsiisuu, dhiibbaa geessistoota

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa dhiibbaa woshbaakii qormaata xumura barnoota sadarkaa 1ffaa Afaan Oromoo kutaa 8ffaa (QXSTAO) gama barsiisotaan jiru xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uufis malli makaa hojiirra ooleera.  G/Sh/Lixaatti aanaalee 8 qaama qorannichaa ta’uun filaman keessatti kilasteroonni manneen barumsaa sadarkaa 1ffaa 21 (M/barumsaa 86) mala iddattoo carraa salphaatiin filatamaniiru. Barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 8ffaas mala iddattoo hundaalessaatiin hundisaanii (94) fudhatamaniiru. Kana malees, kilaasteroota manneetii barumsaa 2 (1 aanaa Amboo; 1 Tokkee Kuttaayee) kaayyootiin filaman keessatti mijata qorataafi fedhii barsiisotaa bu’uureffachuun barsiisonni Afaan Oromoo kutaa 8ffaa shan daawwannaa dareefi kudhan ammoo afgaaffii caaseffama gamisaarratti hirmaataniiru. Ragaaleen bargaaffii istatistiksii ibsaafi istatistiksii inferenshiyaaliitiin, ragaaleen daawwannaa dareefi afgaaffiimmoo mala akkamtaan qaacceffamanii jiru. Bu’uuruma kanaan, argannowwan qorannichaa akka agarsiisanitti, QXSTAO hubannoofi raawwii barsiisotaarratti dhiibbaa giddugaleessaafi cimaa kan geessisan ta’uun adda ba’eera.  Dhiibbaaleen hi’eentaa kunis adeemsonni barsiisuu barsiisotaa QXSTAO irratti akka xiyyeeffatan taasiseera. Haaluma kanaan, dhimmooti barsiisuu QXSTAO dhiibbaa irratti geessisuun mul’atanis, qabiyyee barumsaa (M=4.21), madaallii daree keessaa (M=4.13), ramaddiwwan yeroo (M=4.07), meeshaalee deeggarsa barumsaa (M=3.82)fi malleen barsiisuuti (M=3.41). Kunis falaasama sirni barnoota afaanichaa irratti hundaa’e mala qunnamtiin afaan barsiisuu (CLT) akka hojiirra hinoolleefi dhimmoota ijoo barnootichaa kan ta’an dandeettiwwan afaanii xiyyeeffannoo akka hinarganne kan godhedha. Uumama bifoota dhiibbaalee woshbaakii barsiisotaa akkanaafis kanneen sababa ta’an qabiyyee qormaataa beekuu (β = 0.51), ilaalcha barachuu barattootaa (β = 0.33), kabaja ogummaa barsiisummaa (β = 0.32), dhiibbaalee alaa (β =0.31)fi gatii/sadarkaa qormaanni qabu (β = 0.24) ta’uun argameera. Kanaafuu, dhimmamtoonni barnootaa sadarkaa garagaraarra jiran hundi dhiibbaa woshbaakii eeyyentaa QXSTAO fiduu danda’urratti hojjechuu qabu.

Downloads

Download data is not yet available.

Author Biographies

Abbabaa Baqqalaa, Ambo University

Lecturer, Department of Oromo Language and Literature

Taammanaa Kitilaa, Addis Ababa University

Assistant Professor, Department of Foreign Language and Literature

Alamuu Waggaarii, Wallaga University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Downloads

Published

2023-10-11

How to Cite

Baqqalaa, A., Kitilaa, T., & Waggaarii, A. (2023). Xiinxala Woshbaakii Qormaata Xumura Sadarkaa 1 ffaa Afaan Oromoo: Haala Barsiisota Afaan Oromoo Kutaa 8 ffaa. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 1(1), 57–84. https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.750

Plaudit