Xiinxala Ga’umsa Ulfaatina Gaaffilee Qorumsa Xumura Sadarkaa Giddugaleessaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8 Bara 2015: Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v3i1.1384Keywords:
gaaffii , ga’umsa, qorumsa, xiinxala, ulfaatinaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa ga’umsa ulfaatina gaaffilee qorumsa xumura sadarkaa giddugaleessaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8 bara 2015 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaa ibsaa yoo ta’u, malli qorannicha geggeessuu keessatti hojiirra oole immoo mala qorannoo makaati. Maddi ragaa qorannichaas madda ragaa tokkoffaadha. Ragaan qorannoo kanaa tooftaa xiinxala dookimantiin funaaname. Malli iddatteessuu dhimma itti ba’ames mala carraa salphaafi akkayyoodha. Mala iddatteessuu carraa salphaatti fayyadamuun kutaalee Bulchiisa Magaalaa Finfinnee lama kan filataman yommuu ta’an, mala iddatteessuu akkayyoo gargaaramuun immoo manneen barnootaa kutaalee magaalaa lamaan kana keessa jiran ja’atu filataman. Ragaaleen qorannoo kanaa mala akkamtaafi hammataan xiinxalaman. Qorannoo kanaan, gaaffileen qorumsa Afaan Oromoo xummuraa sadarkaa giddugaleessaa kutaa 8 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bara 2015tti kennaman 60 keessaa 45 (%75) fudhatamoo yommuu ta’an, 13 (%22) rakkoo ga’umsa ulfaatinaa akka qaban adda ba’eera. Gama biroon, gaaffilee 60 dhiyaatan keessaa 2 (3%)) immoo sababa filannoowwan arfanuu akka deebiitti barattoota hundaaf sororfamaniif, ga’umsa ulfaatina gaaffilee lamaan kanaa xiinxaluun hindanda’amne. Kun immoo gaaffilee 15(25%) rakkoo qabaachuu isaanii mul’iseera. Kanaaf, rakkoo ga’umsaa gaaffilee qorumsaa furuuf, qaamni qorumsicha qopheessuu gaaffilee qorumsaa barattoonni yeroo adda addaa qoraman irratti xiinxala ga’umsa ulfaatina gaaffilee geggeessuun kanneen rakkoo qaban adda baasuun garafuulduratti irratti hojjechuun barbaachisaa ta’a
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2025 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved