Xiinxala Gaaffilee Qorumsa Xumura Sadarkka Giddugaleessaa Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 8 Bara 2015
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.2137Keywords:
qorumsa, dandeettii adda baasuu, gaarummaa filannoowwaniiAbstract
Kaayyoon gooroo qorannoo kanaa gaaffilee qorumsa xumura sadarkaa Giddugaleessaa barnoota Afaan Oromoo kutaa 8 Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee bara 2015 kenname xiinxaluudha. Saxaxni qorannoo kanaa ibsaa yoo ta’u, malli qorannicha geggeessuu keessatti hojiirra oole immoo mala qorannoo makaati. Maddi ragaa qorannichaas madda ragaa tokkoffaadha. Malli iddatteessuu dhimma itti ba’ame mala carraa salphaafi akkayyoodha. Mala iddatteessuu carraa salphaatti fayyadamuun kutaalee bulchiisa magaalaa Finfinnee kudha tokko (11) jiran keessaa kutaalee magaalaa lama (Nifaas Silk Laaftoofi Kolfeetu) filatamaniiru. Mala iddatteessuu akkayyootti gargaaramuun immoo kutaalee magaalaa lamaan keessaa manneen barnootaa barattoota baay’inaan qaban sadi (3) sadi (3) walitti ja’a (6) ta’antu filatamaniiru. Tooftaan funaansa ragaa qorannoo kanaa immoo xiinxala dookimantiiti. Ragaaleen qorannoo kanaa mala akkamtaafi hammataan xiinxalaman. Argannoowwan qorannoo kanaan adda ba’anis, ga’umsi humna barattootaa adda baasuu gaaffilee qorumsa barnoota Afaan Oromoo xummuraa sadarkaa Giddugaleessaa Kutaa 8 Bulchiinsa magaalaa Finfinnee bara 2015tti kennaman 58 keessaa 41(%70.66) fudhatamoo yommuu ta’an, 17(%29.33) ammoo gadaanaa waan ta’eef, gaaffileen kunneeen hammi tokko rakkoo akka qaban hubatameera. Gama gaarummaa filannoowwaniin immoo filannoowwan qorumsichaa 232 keessaa 228(%98.28) gaarii yoo ta’an, 4(%1.72) ammoo rakkoo kan qaban ta’uu adda ba’eera. Akkasumas, gaaffilee jaatama (60) qorumsichaa keessaa lama (2) immoo sababa filannoo arfanuu akka deebii sirriitti sororfamaniif, humna adda baasuufi gaarummaa filannoowwanii isaanii xiinxaluun hindanda’amne. Kunis gaaffilee kunneenis rakkoo ga’umsaa qabaachuu agarsiisa. Kanaaf, rakkoo kana furuuf, qaamni qorumsa kana qopheessuu gaaffilee gara fuulduraatti qophaa’an irrat xiyyeeffannoon hojjechuu murteessaadha.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2026 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved
