Xiinxala Haala Dhiyaatina Asoosama Dhangala’aa Oromoo: Shaakala Baruu-Barsiisuu Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa Filataman

Authors

  • Fiqaaduu Qana'aa Arsi University
  • Tashoomee Egeree Jima University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.749

Keywords:

asoosama dhangala’aa, dhiyaatina, gochaalee, madaqsu

Abstract

Kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaa dhiyaatina asoosama dhangala’aa keessatti shaakala baruu-barsiisuu yuniversiitiiwwan Itoophiyaa filataman keessatti qabatamaan hojii irra jiru xiinxaluudha. Qorannichi yunivarsiitiiwwan Addis Ababaa, Haramaayaafi Madda Walaabuutti bara barnootaa 2019/20 geggeeffame. Qorannichaaf mala makaatti dhimma bahuun ragaaleen meeshaalee ammamtaafi akkamtaan funaanamanii jiru. Ragaaleen funaanaman tooftaa xiinxala ragaa makaa gargaaramuun xiinxalameera. Argannoon xiinxala ragaa akka mul’isetti, barsiisonni haala dhiyaatina ogbarruu madaqsanii koorsii asoosama dhangala’aa ittiin barsiisuu irratti daran laafoodha. Dabalataanis, gochaalee adda addaa haala dhiyaatina asoosamaa faana deemuu danda’an qindeessuun daree keessatti barattoota faana dalaguu irratti laafoo akka tahan ragaan xiinxalame agarsiisee jira. Gama biraan, tooftaalee madaallii amala koorsii asoosamaa faana deemuu danda’an gargaaramuun beekumsa barattootaa addaan baasuufi gargaaruu irratti hojiin barsiisonni asoosamaa qabatamaan hojjetaa jiran gadi aanaa ta’ee argame.  Argannoowwan kana irratti hundaa’uun, shaakalli baruu-barsiisuu asoosama dhangala’aa yunivarsiitiiwwan keessatti adeemsifamaa jiru, haala dhiyaatina ogbarruu mijaa’aa ta’e kan hinhordofne, gochaaleen daree barnoota asoosamaa keessatti qabatamaan dhiyaataa jiran kan haala dhiyaatinaa faana hindeemne akka tahe hubachuun danda’ameera. Dabalataanis, tooftaaleen madaallii barsiisonni asoosamaa dhimma itti bahaa jiran amala koorsichaa giddu-galeessa kan hingodhanne tahuu cuunfuiun nidanda’ama. Baruu-barsiisuu asoosama dhangala’aa Oromoo yunivarsiitiiwwan keessatti hojiirra jiru, amayyeessuun haala dhiyaatina ogbarruu mijataa ta’e madaqsanii gargaaramuun, barattoonni akka xiinxaltoota, qeeqxotaafi barreessitoota cimoo tahan gochuun kaayyoo barnoota ogbarruu ta’uu hubachuu barbaachisaadha.

 

Downloads

Download data is not yet available.

Author Biographies

Fiqaaduu Qana'aa, Arsi University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Tashoomee Egeree, Jima University

Associate Professor, Department of English Language and Literature

Downloads

Published

2023-10-11

How to Cite

Qana'aa, F., & Egeree, T. (2023). Xiinxala Haala Dhiyaatina Asoosama Dhangala’aa Oromoo: Shaakala Baruu-Barsiisuu Yuunivarsiitiiwwan Itoophiyaa Filataman. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 1(1). https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.749

Plaudit