Xiinxala Caasaalee Durduriiwwan Oromoo: Oromoo Maccaarratti Xiyyeeffachuun

Authors

  • Magarsaa Dhinsaa Wallaga University
  • Tashoomee Egeree Jima University
  • Filee Jaallataa Addis Ababa University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.748

Keywords:

durduri, caasaa,, caaseffama, seeneffama, afseenaa, Oromoo Maccaa

Abstract

Qorannoo gooroowwan afoolaa keessatti caasaalee isaanii qorachuun qindaa’ina, adeemsa seeneffamaafi ijaarama isaanii waan ifoomsuuf, barbaachisummaa olaanaa qaba. Haaluma kanaan kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaas caasaalee durduriiwwan Oromoo Maccaa hordofuun ijaaraman qaaccessuudha. Maddeen ragaalee qorannoo kanaas: maanguddoota, dargaggootaafi ijoollota yommuu ta’an, malli akkayyoofi malli darbaadabarsaa immoo malleen iddatteessuu itti dhimma ba’amanidha. Daawwannaa, afgaaffiifi mariigaree xiyyeeffannoo immoo meeshaaleen funaansa ragaalee qorannoo kana keessaatti ittiin ragaaleen funaannatamanidha. Ragaaleen funaanamanis barreeffamatti erga jijjiiramanii booda yaadiddama caaseffamaa bu’uureffachuun mala akkamtaan qaacceffamanii jiru. Qaaccessa taasifame bu’uureffachuu argannoowwan bu’uuraa qorannoo kanaas: durduriiwwan Oromoo Maccaa hedduun caasaalee seeneffamaa unkaa mataa isaanii (their own versions) ta’ee hordofuun kan ijaaraman ta’uufi durduriin tokko akkaataa himamsa isaa irratti hundaa’uun gosaafi lakkoofsa caasaalee jijijjiiramaa qabaachuu kan danda’u ta’uudha. Akkasumas, adeemsi caasaalee seeneffamaa durduriiwwan Oromoo Maccaa walitti dhufanii waliin jiraachuun (tokkummaan) milkaa’ina kan gonfachiisu ta’uufi faayidaan, aangoon, amalliifi axxummaan badaan garuu yeroo baayyee maddeen walitti bu’iinsaa ta’uun tokkummaa kan diigan ta’uu isaanii akka addeessudha.

 

Downloads

Download data is not yet available.

Author Biographies

Magarsaa Dhinsaa, Wallaga University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Tashoomee Egeree, Jima University

Associate Professor, Department of English Language and Literature

Filee Jaallataa, Addis Ababa University

Associate Professor, Department of Oromo Language, Literature and Folklore

Downloads

Published

2023-10-11

How to Cite

Dhinsaa, M., Egeree, T., & Jaallataa, F. (2023). Xiinxala Caasaalee Durduriiwwan Oromoo: Oromoo Maccaarratti Xiyyeeffachuun. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 1(1). https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.748

Plaudit

Most read articles by the same author(s)