Beekumsa Asilii Oromoo, Ilaalchaafi To’annoo Dhibee Saree Maraatuu: Goodina Wallagga Bahaa Xiyyeeffachuun
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v3i2.1711Keywords:
beekumsa asilii, dhibee, ilaalcha, saree maraatuu, to’annooAbstract
Qorannoon kun beekumsa asilii oromoo, ilaalchaafi to’annoo dhibee saree maraatuu Godina Wallaga Bahaa Aanaalee Jimmaa Arjoofi Nuunnuu Qumbaa xiyyeeffatedha. Haaluma kanaan kaayyoon qorannoo kanaa Beekumsa asilii hawaasni Oromoo qabu sirnaan galmeessuu, ilaalchaafi mala to’annoo dhibichaa ifa baasuudha. Malli qorannoo kanaa mala akkamtaa, gosa qorannoo abuurraatti dhimma bahuun marii garee xiyyeeffannoofi afgaaffii caaseffamaa gamisaa, ogeeyyii qoricha aadaa, namoota qoricha fayyadamanifi abbootii aadaa irraa odeeffannoon waliiti qabame. Mala iddatteessu akkayyoo fayyadamuun Aanota filataman keessaa gandoota lama lama filachuun marii garee 4 hirmaatota 24, afgaaffii hirmaattota nama 3 walii gala namoota 27 odeeffachuun geggeeffame. Yaaxxinnni aadaa hawaasaa (folk-cultural theory) hojiirra ooleera. Argannoo ijoon uummanni Oromoo bakka qorannoo kanaa beekumsa aadaa cimaa qaba; qoricha aadaa, duudhaa, amantii (afuura) fayyadamuun dhibee kana to’achuufi yaaluuf ka’umsa dhukkubaafi mallattoolee adda baasuu, qoricha qopheessuu, hanga kenninsa murteessuufi kennuu, laguuwwan dhorkaman bu’uureffachuun to’ataa jiraachuu hubatameera. Dhibeen kun hawaasummaa, dinagdeefi xiinsammuu kan miidhu ta’ee ka’umsi isaa sareefi Wangoodha. Dhibicha to’achuuf mala aadaa fayyadamuun filatamaa ta’us, beekamtii dhabuun ogeessotaa, gatiin dadhabbii walmadaaluu dhabuufi qeeqni jiraachuun rakkoo biraa ture. Kanaaf Beekumsi asilii Oromoo, kunuunsi naannoofi walitti dhufeenyi aadaafi ammayyaa laafuun to’annoon dhibichaa guutummaatti akka hin milkoofne waan godhuuf ogeessota aadaa jajjabeessuufi qorannoon dabalataa akka itti fufu gorfama.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2025 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved
