Xiinxala Ergaa Weedduu Arrabsoo Durbaa Yeroo Fuudhaafi Heerumaa, Guddina Hawaas-Dinagdee Keessatti: G/W/Bahaa, Aanaa Jimmaa Arjoo Xiyyeeffate

Authors

  • Daawwit Shifarraa Wollaga University
  • Tamasgeen Fiixee Wollaga University
  • Taakkalaa Taarikuu Wollaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.2125

Keywords:

arrabsoo durbaa, ijaarsa hawaas- dinagdee, sirna fuudhaafi heerumaa, Weedduu

Abstract

Qorannoon kun ga’ee weedduun arrabsoo durbaa yeroo fuudhaafi heerumaa guddina hawaas-dinagdee cimsuurratti qabu Aanaa Jimmaa Arjoo xiyyeeffachuun xiinxaluurratti kan adeemsifamedha. Kaayyoon qorannoo kanaa gahee weedduun arrabsoo durbaa guddina hawaas-dinagdee uummata aanichaaf qabu adda baasuun dhaloonni akka irraa baratu taasisuudha. Qorannichaaf malli qorannoo akkamtaafi gosti qorannoo ibsaa dhimma itti bahamaniiru. Madda ragaa tokkoffaafi lammaffaas hojiirra oolfameera. Od-himtoonni kan filataman tooftaa iddatteessuu miti carraatiini. Qorarattoonnis tooftaa akkayyoofi darbaan dabarsaatti dhimma bahuun dubartoota weedduu arrabsoo durbaa keessatti hirmaataa turan waliin afgaaffiifi marii garee gaggeessuun akkasumas cidhaarratti argamanii shamarran weedduu arrabsoo durbaa weeddisan daawwachuun odeeffannoo quubsaan walitti qabataniiru. Odeeffannoon funaanaman gara barreeffamaatti jijjiiramuun kanneen kaayyoo qorannichaa ta’an secca’amanii hiikni itti kennamuun xiinxalameera. Haaluma kanaan weedduun arrabsoo durbaa jala bultiirraa eegalee maatii gama lamaanuu biratti haala walfakkaataan kan adeemsifamudha. Weedduun arrabsoo durbaa saganticha miidhagsuun cinatti guddina hawaas-dinagdee hawaasaa tumsuuf kan gargaarudha. Haa ta’u malee yeroo ammaa weedduun arrabsoo durbaa dhiibbaa amantiifi aadaa halagaatiin dhabamsiifamaa jira. Haaluma kanaan Aadaa hawaasichaa bakkatti deebisuuf   dhaabbileen qorannoo Oromoo kanneen akka waajjira aadaafi Tuurizimii, yuunivarsiitonniifi galmi aadaa Oromoo qorannoo gadi fagoo gaggeessuun tumsuu qabu. Manneen murtii aadaafi abbootiin Gadaa hawaasaaf hubannoo uumuun jajjabeessuun barbaachisaadha. Dabalataan mootummaan baajata dhimma kanaaf barbaachisu ramaduun   haaromsa guddina aadaa sabichaaf ciminaan akka irratti hojjetu dhaamsa qorattoota kanneeniiti.

                                             

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2026-06-22

How to Cite

Shifarraa, D., Fiixee , T., & Taarikuu, T. (2026). Xiinxala Ergaa Weedduu Arrabsoo Durbaa Yeroo Fuudhaafi Heerumaa, Guddina Hawaas-Dinagdee Keessatti: G/W/Bahaa, Aanaa Jimmaa Arjoo Xiyyeeffate. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 4(1), 13–40. https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.2125

Plaudit