Fakkoomii Milkii Ilaallannaa Galumsa Aadaa Fuudhaafi Heerumaa Oromoo Macccaa: Goodina Horroo Gudiruu Wallaaggaa Xiyyeeffachuun

Authors

  • Galataa Waaqjira Wallaga University
  • Taakkalaa Taarikuu Wallaga University
  • Margaa Gammadaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v3i2.1845

Keywords:

fakkoomii, galumsa aadaa, jiruufi jireenya, milkii ilaallannaa

Abstract

Qorannoon kun fakkoomii milkii ilallannaan Oromoo Maccaa, galumsa aadaa Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti qabu kan xiinxaledha. Xiyyeeffannoon isaas, aadaafi duudhaa hawaasaa dagatamaa deeme, hambaa beekumsa xabboo dhaloota har’aafi boruuf qorachuun barreffamaan olkaa’uudha. Saxaxni qorannoo kanaa sanyaabsaa ta’ee ibsuun kan qindaa’edha. Dhimma kana irratti maanguddoota waa’ee milkii beekan tooftaalee iddatteessuu darbaa dabarsaan erga filatamanii, af-gaaffii caaseffamaafi marii garee xiyyeeffannoon ragaan walitti qabameera. Ragaaleen guurames ijoo ijootti qoqqooduun, ibsuufi hiikuutiin xiinxalameera. Argannoon ijoon qorannoo kanan adda ba’e, ijaarsa gaalelaa keessati milkiin fakkoomii gochaa namaa, sochiiwwan qaama namaa, biqiloota, beeyladoota, bineessota, allaattiwwan, ilbiisota, waantota, guyyoota torbaniin walqabsiisuu kan ilaallatamu ta’uu isaati. Kan biroon, Oromoon durii kaasee yeroo ijaarsa gaa’elaaf karoorfatee rafee dammaqu, biyya intalaa deemee laga ce’ee galu, barii ganamaa akka milkii ilaallatu hubatameera. Darbee, Oromoon Waaqa balaa adda addaarraa isa oolchu galateeffachuuf; sodaa /dhiphina fuulduratti isa mudatu irraa bilisa ta’uuf; umurii dheerachuuf, jiruuf jireenya nagaa, gammachuufi waan abdatu argachuuf akka itti gargaaramu bira ga’ameera. Argannoolee kana irraa ka’uun, milkiin qajeelfamuun milkaa’ina jiruufi jireenya hawaasichaa waliin waan hidhata qabuuf waajiraaleen Aadaafi Turiizimiifi qorattoonni aadaa, duudhaa hawaasa kana xiyyeeffannoon itti kennamee dhaloota boruuf akka darbu osoo bal’inaan qoratamee dagaagina aadaaf bu’aan isaa olaanaadha.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2025-12-27

How to Cite

Waaqjira, G., Taarikuu , T., & Gammadaa, M. (2025). Fakkoomii Milkii Ilaallannaa Galumsa Aadaa Fuudhaafi Heerumaa Oromoo Macccaa: Goodina Horroo Gudiruu Wallaaggaa Xiyyeeffachuun. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 3(2), 35–54. https://doi.org/10.20372/jdq.v3i2.1845

Plaudit

Most read articles by the same author(s)