Akkaataa Raawwii Tapha Ijoollee Oromoo Maccaa
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1015Keywords:
akkaataa, ijoollee, raawwii, taphaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa akkaataa raawwii tapha ijoollee xiinxaluudha. Ijoolleen haalota taphoonni keessatti taphatamaniifi hojii qooda itti fudhatan waliin walqabsiisanii raawwilee adda addaa akkaataa gargaraan raawwachaa taphatu. Qorannoon kunis, ijoolleen taphoota taphatan keessatti akkamitti akka hirmaatan, garee yookaan dhuunfaan ta’uu, gareen taphaa akkamitti akka ijaaramu, raawwilee akkam akkamii akka raawwataman, tapha akkamitti akka jalqaban, akkamitti akka adeemsisaniifi xumuran qo’achuun hiika raawwileefi adeemsota kanaa qorachuurratti fuuleffata. Qorannoon kun bu’uura yaadxinoota: tajaajilaa, galumsaafi ijaarsa hawaasummaatiin adeemsifame. Ragaaleen qorannichaas aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Gachii, Najjoo, Waayyuu Tuqaafi Jimmaa Gannatiitii ijoollee, maatii ijoolleefi barsiisotarraa sassaabame. Qorannichi ragaalee ijoolleerraa bakka hojii adda addaa hojjetanitti (horii tiksan, midhaan eegan, mana eegan, barumsa baratan), bakkeen taphaa adda addaatti (laga daakaa, dirree kubbaa, naannoo qe’eetti) fi yeroo ga’eeyyii waliin dabarsanitti (galgala galgala maatii keessattifi mana barumsaatti barsiisota waliin) sassaabameen geggeeffame. Kunis daawwannaa, afgaaffiifi marii garee hirmaachisaatiini. Xiinxalliin ragaalees, taphoonni ijoollee gareefi dhuunfaan taphatan akka jiran, gareen taphaa filannoon ta’ee carraatiin, akka walitti dhiheenya ijoolleettifi fedhii/filannoo nama taphicha jalqabsiisee fa’iin akka ijaaramuu danda’u agarsiisa. Kana malees, tapha keessatti hirmaachuufi jalqabuuf ka’umsifi sababni garagaraa akka jiru, taphoota adda addaa keessatti ijoolleen raawwilee adda addaa akkaataa adda addaa raawwachaa akka taphataniifi taphoonni sababa garagaraarraan kanka’e akkaataa gargaraan akka xumura argatus niagarsiisa.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2024 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved