Xiinxala Ergaa Geerarsa Dinagdee Oromoo Jimmaa Jaawwii
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v1i2.882Keywords:
ergaa, geerarsa dinagdee, Oromoo Maccaa, qorannoo sanyabsaa, yaadiddama haalaaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa ergaa geerarsa dinagdee Ilmaan Jimmaa Jaawwii Maccaa kan aanaa Jimmaa Gannatii jiraatan xiinxaluun addeessuudha. Kaayyoo kana galmaan ga’uufis Aanaa Jimmaa Gannatii deemuun mala akkayyoofi darba dabarsoon Gandoota aanaa kana keessaa tokko kan taate Ganda Adileeqaa Tulluu Caalii irraa tooftaa funaansa ragaalee daawwannaa, afgaaffiifi marii gareen ragaaleen walitti qabame. Qorannoon kun dhiyaatina Sanyabsaa, gosa beekumsaa (Paaradaayimii) ijaarsa hawaasummaafi yaadiddama haalawaa (Contextual theory) fayyadamuun kan geggeeffame yoo ta’u; ragaaleen mala akkamtaan xiinxalaman. Argannoon qorannoo kanaas dargaggeessi tokko osoo hinfuudhiin dinagdeedhaan ofdanda’uun akka barbaachisu mul’isa. Kunis dargaggeessi fuudhuu barbaadu tokko fuudha dura mana keessa jiraatu ijaarrachuu, midhaan yoo maatii horatu nyaatan olkaa’uufi ogummaa qonnaa qabaachuu akka qabu agarsiisa. Akkasumas, namni hojiitti cimaa hintaaneefi hiyyummaa injifachuu hindandeenye hawaasa naannoo isaan akka tuffatamu, qorqalbiifi hariiroon inni hawaasa waliin qabu mul’isa. Kana malees hiyyummaan carraa osoo hintaane hojjechuu dhabuu irraa akka dhufuufi namni hojjete kamuu hiyyummaa keessaa ba’uu akka danda’amu agarsiisa. Dabalataanis namoonni sooreyyiin kanneen ogummaa meeshaalee qonnaa qqopheeffachuu danda’an, yeroon qonnaa qonataniifi haramaa sirnaan haramatanii hanga midhaan sun manatti galutti cichoominaan hojjatan akka ta’aniifi namoonni dinagdeen laafoo ta’an kanneen hojii hinhojjene, ogummaa meeshaa qonnaa qopheeffachuu hinqabne, yeroon haramaa hinharamne itti fufiinsaan kan hincarraaqne tokko hojjetee kaan hanqisu akka ta’e agarsiisa. Kana malees, geerarsa kana keessatti dhiibbaa sirni garboonfataa Oromoon Maccaa irraan ga’eefi sun ammoo hiyyummaaf akka isaan saaxile geerarsaan ergaa dabarfatu. Kanarraa kan ka’e, Oromoon hiyyummaafi gadadoof akka saaxilame; hiyyummaan kabaja namummaa kan namarraa muulqutu diina guddaa ilma namaa akka taateefi Oromoonis sababa hiyyummaa kabajaafi ulfina dhabee qe’ee isaatti salphatee jiraachaa akka tureefi rakkoon sun ammas akka jiru agarsiisa. Akkasumas, Lafa Oromoo akaakileen abaabileen aarsaa guddaa itti kaffalanii abbootii dhaalchisan; abbootiin ijoollee isaanii daddabarsaa har’a geessisan bulchiinsi yeroo ammaas gibira qote bulaan kaffaluu hindandeenye itti muruun qabeenya ummatichaa saamaa akka jiran agarsiisa. Sababa gibira kaffaluu dadhabuu kanaan har’as abbaan lafaa maqaa abbaa qabeenyaa jedhu baafachuun caasaa mootummaa waliin ta’uun lafa qotebulaa irraa saamaa jirachuu agarsiisa.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2023 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved