Xiinxala Falaasaamaa Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti Calaqqisanii

Authors

  • Dheeressaa Faqqadaa Wallaga University
  • Ashannaafii Balaay Jima University
  • Waaqtolaa Waaqjiraa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.982

Keywords:

falaasama, lafa, Oromoo, walaloo sirbaa, waaqa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa Xiinxala falaasama Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti calaqqisan jedhurratti xiyyeeffata. Waraqaa kana keessatti paradaayimiin qorannoo paradaayimii “interpretive” n yookiin ibsaan dhimma kan bahamedha. saxaxa qorannoo ibsaatti gargaaramuun kan adeemsifamedha. Malli qorannoo dhimma itti bahame mala qorannoo akkamtaa ta’ee gosa qorannoo addeessaati. Bu’uuruma kanaanis yaadiddamni xiinhawaasummaafi ijaarsa hawaasummaa dhimmoota falaasama walaloo sirboota dhiyaatan akkamiin beekumsa hawaasaa akka ijaaran kan xiinxalamanidha. Mala iddattoo miti-carraa keessaa tooftaa iddatteessuu kaayyeffataatti gargaaramuun sirboota Afaan Oromoo hedduu jiran keessaa walaloo sirbaa Alii Birraa mata-duree ‘Anis biyyan qaba, AB jennee kaanaafi karaa Mana Abbaa Gadaa’ kan filatamanidha. Tooftaa ittiin ragaan funaanamees mala sakatta’a dookimentin sagaleefi barreeffaamaan toora interneetii irraa walitti kan qabameedha. Malli xiinxala ragaalee mala akkamtaa irratti hundaa’uun kan gaggeeffamedha. Tooftaan xiinxala ragaalee kunis sirboota filataman haala walitti dhiyeenya qabiyyee isaaniin bakka tokkotti walitti fiduun kan xiinxalaamanidha. Akka ragaan walaloo sirboota filatamanii kunniin irraa argaman akka mul’isanitti falaasamni walaloo sirbaa kana keessatti mul’atan keessaa tokko dhimma lafaafi biyyaaf qabu caalmaan kan mul’atudha. Falaasama Oromoon lafaaf qabu haadhaan walfakkeessa, biyyaan immoo abbaan yookiin dhiiraan waama. Lafti hawaasummaa, dinagdee, aadaa, qubsuuma, amantii, eenyummaa, madaala uumamaa, bakka argamaafi dhuftee ta’uusaan kan balballoomsanidha. Kanamalees, beekumsa inni gama afaaniin qabu, afaan ofii isaan dubbatee lafa isaarraa jiraachuu akka qabu kan dhaamanidha. Dhimma afaanii eenyummaa jiaachuufi jiraachuu dhabuun walqabsiisa. Walumaagalatti, falaasama Oromoon sirboota filataman keessatti argamu dhimma hawaasni kuni jiruufi jireenya isaa keessatti gargaaramu kan calaqqisiisudha. Dabalataanis, ilaalcha yookiin falaasama Oromoon ittiin naannoo isaa hubatu falaasama ofiisaa qabuun kan hooganameedha.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-06-27

How to Cite

Faqqadaa, D., Balaay , A., & Waaqjiraa , W. (2024). Xiinxala Falaasaamaa Walaloo Sirbootaa Afaan Oromoo Filataman keessatti Calaqqisanii. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(1), 111–129. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.982

Plaudit

Most read articles by the same author(s)