Ga’ee Geerarsi Eenyummaa Waloo Ijaaruu Keessatti Qabu

Authors

  • Waaqgaarii Tasfaayee Mettu University
  • Waaqtola Waaqjira Wallaga University
  • Guddataa Abdiisaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v1i2.879

Keywords:

Geerarsa, eenyummaa, eenyummaa waloo, ijaarsa eenyummaa waloo

Abstract

Hawaasni tokko haala ittiin eenyummaa isaa ibsatuufi ijaarratu adda addaa qaba. Haalota kana keessaa immoo geerarsi isa tokkodha. Qorannoon kunis ‘Ga’ee Geerarsi Eenyummaa Waloo Ijaaruu Keessatti Qabu’ irratti xiyyeeffata. Hanga qorataan sakatta’etti qorannoon ga’ee geerarsi ijaarsa eenyummaa waloo keessatti qabu irratti geggeeffame dhibuufi haalli siyaasaa Sirni Badhaadhinaa hordofu eenyummaa sabootaaf bakka kennuu irratti laafinni jiraachuun ka’umsa ta’eera. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsaa ta’ee, maddi ragaa qorannichaas madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha. Ragaaleen qorannichaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaafi Waayyuu Tuqaa, Godina Buunnoo Beddellee keessaa Aanaa Gachiifi Godina Horro Guduruu Wallaggaa keessaa Aanaa Jimmaa Gannatii irraa funaaname. Raghimtoonni qorannichaa jiraattota aanalee kana keessaa warreen geerarsa irratti hubannoo qaban maanguddootaafi dargaggoota mala iddatteessuu kaayyeffataafi darbaa dabarsaan iddatteeffamanidha. Ragaaleen kunneenis daawwannaa, marii gareefi afgaaffiidhaan funaanaman. Geerarsoonni eenyummaa waloo ijaaruuf oolan kunneenis mala galmeessa ragaalee garaagaraa kanneen akka yaadannoo dirree qabachuu, suuraa kaasuu, sagaleefi suursagalee waraabuun funaanaman. Geerarsoonni kunneenis yaaxxinnoota haalawaa, faayidaalessummaafi ijaarsitoota haala hawaasaan xiinxalamaniiru. Argannoon qorannoo kanaas Oromoon dachee irratti dhalateefi irra jiraatu biyyakoo jedhee dhaloota boodaan dhufu keessa kaa’a. Kanamalees, faayidaa tokkummaa qabaachuun qabuufi sirnaafi siyaasa isa cunqurse irratti diddaa agarsiisuun fala akka ta’e dhaloota boodaan dhufu barsiisa. Itti dabalees, mallattoo eenyummaa isaa kan ta’e aadaafi seenaa isaa geerarsa keessaan akka ibsatu qorannoo kanaan bira ga’ameera.

 

Downloads

Download data is not yet available.

Author Biographies

Waaqgaarii Tasfaayee, Mettu University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Waaqtola Waaqjira, Wallaga University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Guddataa Abdiisaa, Wallaga University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Downloads

Published

2023-12-19

How to Cite

Tasfaayee, W., Waaqjira, W., & Abdiisaa, G. (2023). Ga’ee Geerarsi Eenyummaa Waloo Ijaaruu Keessatti Qabu. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 1(2), 17–36. https://doi.org/10.20372/jdq.v1i2.879

Plaudit