Xiinxala Ittifayyadama Afaanii: Fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu Keessattii

Authors

  • Fiqiruu Kitilaa Dambi Dollo University
  • Ashannaafii Balaay Jima University
  • Magarsaa Dhinsaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1188

Keywords:

ittifayyadama afaanii, haaldubbii, hiikdubbii, maalleen dubbii, mallattummaa

Abstract

Kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaa, ittifayyadama Afaanii keessatti hiikdubbiifi malleen dubbii fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu keessatti mul’atan xiinxaluudha. Qorannichi mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun kan adeemsifameedha. Iddattoon qorannichaas akkaayyoodhaan kan raawwate yoo ta’u, tooftaa iddatteessuu miti carraatiinis kan raawwateedha. Maddi ragaa qorannichaa madda ragaa tokkoffaa kan ta’an fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuudha. Mala funaansa ragaa jiran keessaa daawwannaa suur-sagalee fiilmiitiin dhimma bahuun ragaaleen suur-sagalee fiilmii Eelaafi Miixuu irraa walitti qabamanii jiru. Yaaxxina mallattummaa bu’uureffachuun fiilmiiwwan filataman keessatti ittifayyadamni afaanii karaalee hiikdubbiifi malleen dubbiitiin hojiirra oolan xiinxalamanii jiru. Argannoo qorannichaatiin miidhamaafi cunqursaan jireenya hawaasaa irra akka gahe xiinxala qorannichaatiin adda bahee jira. Miidhamaafi miixuu jireenya hawaasaa irra gahaa turan keessaa tokkoffaan, hawaasni tajaajila hawaasummaa dhabee du’uufi akka baalaa harca’uun duguuggaa sanyii sabicha irratti raawwatame ture agarsiisa. Hidhamuun, biyyaa baafamuun, ajeefamuufi doorsifamuun miidhamaafi ciiniinsuu keessa jiraachuu agarsiisa. Lamaffaan, haawwasni tajaajila hawaasummaa dhabeefi alagaadhaan lafaafi qabeenya isaa saamamaa ture.  Sadaffaan, cunqursaan hawaasichatti heddummatee hiyyummaa jala jiraachuun, biyyaa baafamuufi kanneen mirga hawaasa isaaniif falman ajjeefamuu, biyyaa baafamuufi hojii irraa ariyatamuun irratti raawwate. Miidhamuufi eelaan hammaatullee yeroo isaa eeggatee dhugaan ifatti bahuun maatiin addaan faffaca’eefi dhiibbaa alagaatiin gargar fagaatan miixuu waggoota digadamii saddeetii booda wal argan. Miidhaafi cunqursaa mo’atanii darbuuf iccitii qabachuun, obsuufi ciniinnachuun murteessaadha. Walumaagalatti, eelaafi miixuu hedduu booda bu’aa qabsoo qeerroofi qarreetiin  yeroo isaa eeggatee hawaasni cunqursaan irratti fe’amee ture dukkana keessaa ifatti kan bahe ta’uu argannoon qorannichaa agarsiisee jira.

 

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-12-17

How to Cite

Kitilaa, F., Balaay , A., & Dhinsaa, M. (2024). Xiinxala Ittifayyadama Afaanii: Fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu Keessattii . Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(2), 108–135. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1188

Plaudit