Dhamjechoota Caasaa Gaalee Gochimaa Afaan Oromoo Keessatti Tajaajila Gochimoota Mataa Tahan Horsiisuu

Authors

  • Daani'eel Lameessaa Wallaga University
  • Girmaa Mangistuu Addis Ababa University
  • Filee Jaallataa Addis Ababa University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.747

Keywords:

dhamjecha dhamsageessuu, gochima, sagduu, taasisaa, taasifamaa, taasifataa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa caasaa gaalee gochimaa Afaan Oromoo keessatti dhamjechoota tajaajila gochimoota mataa tahan horsiisan xiinxaluu yommuu tahu, barbaachisummaan ammoo, qorattoota dhamjechoota Afaan Oromoorratti qorannoo biraa geggeessuu barbaadaniif ku’umsa ta’uu mala jedhamee yaadama. Kanaan alas, daangaan qabiyyee caasaa gaalee gochimaa keessaa dhamjechoota gochima mataa tahe horsiisuuf oolan xiinxaluurratti kan fuulleffate yommuu tahu, daangaan bakkaammoo looga Maccaatiin daangeffamee jira. Dabalataan, gosti qorannoo addeessaa yommuu tahu, mallimmoo, akkamtaadha. Itti dabaluun, qorataan Afaan Oromootiin afaan waan hiikkateef, tooftaa ragaalee ofiin dhiheessuuifi seeneffamoota afoolaa keessaa oduu duriifi sheekkoon tooftaa akkayyoon filatamuun madda ragaa tahanii jiru. Itti fufuun, ragaaleen walitti qabaman mala akkamtaatiin hiikamuun dhamsageessuun addeeffamanii jiru. Walumaagalatti, argannoon qorannoo kanaa: dhamjechi taasisaa gochima namni sadii keessatti qooda fudhate uumuu danda’u dhamjecha [-siisis]fi [-sisiis] akka ta’eefi dubbachiistuu /i/‘n hundee gochimaafi dhamjecha taasisaa gidduutti argamtu seera afaanichaa eeguuf akka saagamtu, dhamjechi antima gochirratti raawwate adda baasee agarsiisu {-am} akka taheefi dhamjechi{-at} jedhu gochima taasifataa uumuuf akka oolu ibsamee jira.

 

 

 

Downloads

Download data is not yet available.

Author Biographies

Daani'eel Lameessaa, Wallaga University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Girmaa Mangistuu, Addis Ababa University

Assistant Professor, Department of Linguistics

Filee Jaallataa, Addis Ababa University

Associate Professor, Department of Oromo Language, Literature and Folklore

Downloads

Published

2023-10-11

How to Cite

Lameessaa, D., Mangistuu, G., & Jaallataa, F. (2023). Dhamjechoota Caasaa Gaalee Gochimaa Afaan Oromoo Keessatti Tajaajila Gochimoota Mataa Tahan Horsiisuu . Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 1(1). https://doi.org/10.20372/jdq.v1i1.747

Plaudit