Madaallii Ga’umsa Qabiyyee Kitaaba Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 7ffaa Kan Bara 2014/2022 Qophaa’e: Qulqullina Barnootaa Xiyyeeffachuun

Authors

  • Margaa Gammadaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.963

Keywords:

Afaan Oromoo, kitaaba barnootaa, madaallii, mul’istuu

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa ga’umsa qabiyyee kitaaba barnootaa Afaan Oromooo kutaa 7ffaa madaaluudha. Ga’umsa qabiyyee kitaabicha gadi fageenyaan madaaluuf ammoo, ulaagaalee madaallii: Kaayyoo, qabiyyee, mala baruu barsiisuu, mata dureewwan, dandeettiiwwan afaanii, fayyadama afaanii (jechootaa, caaslugaa)fi qabiyyee hawaasummaafi aadaa bu’uureffachuun madaalame. Qorannoo kana galmaan ga’uuf ammoo, saxaxa ibsaatti dhimma ba’ame.  Iddatteessuu irratti kitaaba barnootaa Afaan Oromoo kutaan 7ffaafi barsiisonni Afaan Oromoo lama mala akkayyootiin filataman. Darbee, odeeffannoo dabalataaf barattoota kutaa 7ffaa daree lama keessaa dhiirota kudhaniifi durboonni saddeet waliigala kudha saddeet, mala istiraatifaayidiin hammachiifaman. Ragaalee walitti qabuuf, kitaaba barnootaa Afaan Oromoo sakatta’ameefi afgaaffiifi MGX’tti dhimma ba’ame. Ragaan walitti qabame hundinuu mala akkamtaa gargaaramuun ijoo ijootti caccabsuun qaacceffame. Kanarraa ka’uun, argannoon ijoo adda ba’e, qabiyyeen mata-duree, gilgaalonni, gochaaleeniifi dalagaaleen tartiibaan sadarkeffamee qophaa’era. Haata’u malee, gilgaalonni dandeettii barreessuu shaakalsiisuuf dhiyaatan, salphaarraa gara cimaatti kan saxaxaman miti. Mala baruu barsiisuu ilaalchisee waanti adda ba’e, odibsaan barsiisuufi dhuunfaan hojjechuu barattootaa irratti waan xiyyeeffatuuf, mala si’ataan barachuu barattoota hinjajjabeessu. Inni biroon, qabiyyee afoola, duudhaa, seenaafi aadaa Oromoo naannoo hundaaf xiyyeeffannoon hinkennamne. Dhuma irratti, haalli dhiyaannaa kitaabichaa dalgeen walitti dhufee waan dhiyateef rakkoo hinqabu. Garuu, olee isaa eegee kan hinqophoofne ta’uu adda ba’eera. Waliigalaan, bu’aan qorannoo kanaan argame, sadarkaa kamittuu kitaaba barnootaa Afaan Oromoof qophaa’uufi barnoonni Afaan Oromoo qulqullina qabu barattootaaf akka dhiyaatu yaada gumaacheera. Kanaaf, BBO kitaaba barataa qopheessuun dura qaamolee imaammata baasaniifi barreessitoota kitaaba barnootaa waliin ta’uun fedhii dhimmamtootaa mara sakatta’uun xiyyeeffannaan osoo qopheessanii; darbee, qorannoo habuurraa (pilot) ammoo osoo mirkaneessanii bu’a qabeessummaan isaa nidabala.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-06-27

How to Cite

Gammadaa, M. (2024). Madaallii Ga’umsa Qabiyyee Kitaaba Barnootaa Afaan Oromoo Kutaa 7ffaa Kan Bara 2014/2022 Qophaa’e: Qulqullina Barnootaa Xiyyeeffachuun. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(1), 31–52. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.963

Plaudit