Ogwalaloo Oromoo Xiinxaluu Barsiisuu Keessatti Dhiyaatina Akkaatummaa Hojiirra Oolchuu: Qorannoo Yaalii Yuunivarsiitii Bulee Horaa Xiyyeeffate
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v3i2.1806Keywords:
akkaatummaa, dhiyaatina, ogbasiisa , ogwalalooAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa Ogwalaloo Oromoo xiinxaluu barsiisuu keessatti dhiyaatina akkaatummaa hojiirra oolchuu xiyyeeffate. Qorannichi mala qorannoo yaalii, adeemsa qormaata yaaliin duraafi boodaatiin, Yuunivarsiitii Bulee Horaatti, barattoota Afaan Oromoo waggaa 3ffaa bara 2016 baay'inni isaanii 38 ture tooftaa walsimsiisa gareetti fayyadamuun garee yaaliifi to’atamaa keessatti hirmaachisuun gaggeeffame. Tooftaa walsimsiisa garee kanaan, ramaddiin duraan ture tooftaa iddatteessuu carraa irraa haala adda ta'een gara walgitiinsa gareewwaniitti sirreeffame. Bu'aa qoramaata yaaliin duraa irratti xiinxala “t-test” gaggeeffameen, bu'aan qabxii barattootaa giddu-galeessaan kan garee yaalii 16.63; kana garee to'atamaa 16.94 ta'uun garaagarummaa bu'uuraa hinqabaanne. Kunis, ga’umsi bu’uuraa barattoonni Ogwalaloo Oromoo xiinxaluu irratti qaban sadarkaa walfakkaataarra jiraachuu agarsiise. Giddu-seentummaan barsiisuu torbeewwan saddeet (8) fudhateen, gareen yaalii barnoota dhiyaatina akkaatummaa irratti hundaa'een kan barsiifame yoo ta'u, gareen to'atamaan mala barsiisaa giddu-galeeffate hordofuun barsiifame. Erga yaalii qabatamaan kun daree keessatti gaggeeffameen booda, bu'aan qormaata ga'umsaa qabxii giddu-galeessaatiin kan garee yaalii 33.37 yoo ta'u, kan garee to'atamaa 23.37 ta'ee argameera. Bu'aan qorannoo kanaa akka agarsiisutti, barsiisa ogwalaloo Oromoo mala barsiisaa giddu-galeeffate hordofameen ga'umsi Ogwalaloo Oromoo xiinxaluu barattootaa garee to'atamaa garmalee gadi bu'aa ta'uu; hojiirra oolmaa dhiyaatina akkaatummaatiin ammoo barattoonni garee yaalii akkaatummaan Ogwalaloo Oromoo xiinxaluun ergaa gadfageenya qabu baafachuu danda’aniiru.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2025 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources

This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved
