Sabboonummaa Sansaka Oromummaan Masakame: Falmii Eenyummaa Asoosamoota Oromoo Filataman Keessatti

Authors

  • Lachiisaa Fayyeeraa Bule Hora University image/svg+xml
  • Ashannaafii Balaay Jima University
  • Ayyalaa Kabbadaa Bule Hora University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.981

Keywords:

asoosama, Oromummaa, sansaka, sabboonummaa, dachee-dubartii

Abstract

 

Sansakni dhimma xiyyeeffannoo namfakkiifi namfakkeessuun asoosamoota Oromoo ittiin ibsaman keessaa tokko. Namfakkiileen asoosamoota Oromoo eenyummaa bakka bu’an akkuma qaban, falmiin eenyummaa taasisaniin sansaka Oromumummaafi sabboonummaa calaqqisiisan qabu. Kaayyoon qorannoo kanaa asoosamoota Oromoo filataman keessatti gahee sansakni Oromummaa falmii eenyummaaf gumaachu agarsiisuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf gosti qorannoo akkamtaa saxaxa ibsaan ijaarame hojiirra kan oole ta’ee, ragaaleen madda jalqabaa asoosamoota filataman (Godaannis, Yoomi Laataa? Burreen Bifa Tokko Mitiifi Dibaa) keessaa, kanneen madda ragaa lammaffaa immoo qorannoowwan qabatamoo aadaa, siyaasaafi hawaasummaarraa firoomina hafeefi waldubbisaan waliqabaman galumsa hafeen xiinxalaman. Xiinxalli taasifame bu’uura yaaxxina Fakkoomii Dachee-Dubartiin yemmuu ta’u, xiyyeeffannoon kan kenname waloomaafi waltarrummaa ilmoo namaa jidduufi ilmoo namaafi lafaati. Kunis, dhimmi ijoon waa’ee sarbama ilmoo namaa falmuufi waltarrummaan lafaafi sabaas akeekuufi. Ragaalee kanneen irraa argannoon qorannoo mul’atanis sabboonummaan Oromummaa sansaka Oromoon masakame kaayyoo falmii eenyummaan galmaan gahuu akeeke. Sansakni Oromummaan ijaarame ittigaafatamummaa dhalootaa bahuuf kutannoo akka qaban agarsiisa. Akkasumas, diddaa gabrummaa taasisuun dhaloota egeree horatu. Sabboontotni sansaka Oromoon masakaman dhiiraafi dubartiin kan qoodaman osoo hintaane, sansaka isaaniin murtaa’u. Haala kanaan waloomina dhiiraa dubartiinis, gaheen dhiiraafi dubartii asoosamoota kanneen keessatti waloominaan dhihaateera. Kun yaaxxina Fakkoomii Dachee-Dubartiin mul’ateera.  Namfakkiiwwan sansaka Oromoo falmuun dhimma dhuunfaaf jiraaatan dhumni isaanii badii ta’uun kallattii tarsiimoo falmii Oromoo akeeka. Yaadrimeen sansaka Oromoos addunyaalessummaarraa gara matayaatti ibsamuu akeeka. Faallaa kana yoo ta’e sansaka Oromoos ta’ee Afrikaanummaaf masaanuu ta’a. Asoosamoonni Oromoo karaa sansaka namfakkiin itti gaafatamummaan dhalootaa agarsiisuun sansakaafi ogbarruu waliin qorachuuf mijaa’ummaa qabaachuu agarsiisa.

 

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-06-27

How to Cite

Fayyeeraa, L., Balaay, A., & Kabbadaa , A. (2024). Sabboonummaa Sansaka Oromummaan Masakame: Falmii Eenyummaa Asoosamoota Oromoo Filataman Keessatti . Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(1), 1–30. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.981

Plaudit