Xiinxala Ittifayyadama Afaanii: Fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu Keessattii
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1188Keywords:
ittifayyadama afaanii, haaldubbii, hiikdubbii, maalleen dubbii, mallattummaaAbstract
Kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaa, ittifayyadama Afaanii keessatti hiikdubbiifi malleen dubbii fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuu keessatti mul’atan xiinxaluudha. Qorannichi mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun kan adeemsifameedha. Iddattoon qorannichaas akkaayyoodhaan kan raawwate yoo ta’u, tooftaa iddatteessuu miti carraatiinis kan raawwateedha. Maddi ragaa qorannichaa madda ragaa tokkoffaa kan ta’an fiilmiiwwan Afaan Oromoo Eelaafi Miixuudha. Mala funaansa ragaa jiran keessaa daawwannaa suur-sagalee fiilmiitiin dhimma bahuun ragaaleen suur-sagalee fiilmii Eelaafi Miixuu irraa walitti qabamanii jiru. Yaaxxina mallattummaa bu’uureffachuun fiilmiiwwan filataman keessatti ittifayyadamni afaanii karaalee hiikdubbiifi malleen dubbiitiin hojiirra oolan xiinxalamanii jiru. Argannoo qorannichaatiin miidhamaafi cunqursaan jireenya hawaasaa irra akka gahe xiinxala qorannichaatiin adda bahee jira. Miidhamaafi miixuu jireenya hawaasaa irra gahaa turan keessaa tokkoffaan, hawaasni tajaajila hawaasummaa dhabee du’uufi akka baalaa harca’uun duguuggaa sanyii sabicha irratti raawwatame ture agarsiisa. Hidhamuun, biyyaa baafamuun, ajeefamuufi doorsifamuun miidhamaafi ciiniinsuu keessa jiraachuu agarsiisa. Lamaffaan, haawwasni tajaajila hawaasummaa dhabeefi alagaadhaan lafaafi qabeenya isaa saamamaa ture. Sadaffaan, cunqursaan hawaasichatti heddummatee hiyyummaa jala jiraachuun, biyyaa baafamuufi kanneen mirga hawaasa isaaniif falman ajjeefamuu, biyyaa baafamuufi hojii irraa ariyatamuun irratti raawwate. Miidhamuufi eelaan hammaatullee yeroo isaa eeggatee dhugaan ifatti bahuun maatiin addaan faffaca’eefi dhiibbaa alagaatiin gargar fagaatan miixuu waggoota digadamii saddeetii booda wal argan. Miidhaafi cunqursaa mo’atanii darbuuf iccitii qabachuun, obsuufi ciniinnachuun murteessaadha. Walumaagalatti, eelaafi miixuu hedduu booda bu’aa qabsoo qeerroofi qarreetiin yeroo isaa eeggatee hawaasni cunqursaan irratti fe’amee ture dukkana keessaa ifatti kan bahe ta’uu argannoon qorannichaa agarsiisee jira.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2024 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved