Xiinxala Hariiroo Sirboota Qabsoofi Sabboonummaa Oromoo: Xiyyeeffannoon Sirboota Qabsoo Oromoo Filataman Keessatti

Authors

  • Amaanaa Abdallaa Madawalabu University
  • Xilahuun Taliilaa Addis Ababa University
  • Filee Jaallataa Addis Ababa University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.2134

Keywords:

Aanolee, Calii Calanqoo, Murti Guuto, Sabboonummaa Oromoo, Sirba Qabsoo

Abstract

Kaayyoon ijoo qorannoo kanaa hariiroo sirbootaafi qabsoo sabboonummaa Oromoo xiinxalluudha. Qorannoo kana gaggeessuuf qoraticha wanti kakaase hariiroo aartiin Oromoofi sabboonummaa Oromoo qabu ibsuufi. Qoratichi qorannoo kana gaggeessuuf akaakuu qorannoo akkamtaa gargaaramee jira. Saxaxni qorannoo, qorannoo kana gaggeessuuf hojirra oolee saxaxa qorannoo ibsaati. Qorannicha keessatti hojii artistoota Oromoo lamaatu mala idattoo kaayyefataa fayyadamuun filatamee xiinxalame. Tooftaan funaansa ragaa qorannoo kana keessatti hojirra oole xiinxala barruuti. Qorataan mala iddattoo kaayeffataatti gargaaramuun sirboota suursagaleen hajjatamanii yuutuubii irratti gadhiifaman lama xiinxala barruu fayyadamuun ragaa qorannoo funaannatee jira. Ragaalee funaanaman mala xinhiika hafeetti fayyadamuun xiinxalamanii jiru. Argannoon bu’uuraa qorannoo kanaa, gaaffiileen qabsoo Oromoo sirboota keessatti dhihaatan gaaffii abbaa biyyummaa, eenyummaa, walqixxummaa diinagdee, bilisummaa; Mootiin Minilik II Oromoota Ituufi Arsii irratti gocha suukaneessaa seenaan hin irraanfanne akka dalagee ture;  Oromoonni Ituufi Arsii lolicha ofirraa qolachuuf tumsa loltummaa uumanii turan; Minilik II Oromoota Afran Qalloo irratti bakka Calanqoo jedhamutti duguuggaa sanyii irratti raawwatee jira; haaluma walfakkaatun mootichi Oromoota Arsii Aanolee irratti bifa suukaneessaan harkaafi harma muraa akka ture sirboonni kunniin nicalaqqisiisu. Argannoo kanarratti hundaa’uun, mootummaan madaa seenaa kana bifa waaraa ta’een fayyisuuf araara waaraa akka uumamu osoo godhee gaariidha. Mootummaan Itoophiyaa seenaa miidhaa uuummata Oromoofi saboota biroo irratti raawwatame qorannoo irratti hundaa’uun waliigaltee araaraa haqa qabeessaafi dhugaa irratti hundaa’e bifa gumaatiin raawwachuun araarri waaraan uummattoota giddutti akka uumamuu hojiin araara waaraa buusuu osoo hojjatamee yaadonni jedhan akka yabootti dhihaatanii jiru.

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2026-06-22

How to Cite

Abdallaa, A., Taliilaa, X., & Jaallataa, F. (2026). Xiinxala Hariiroo Sirboota Qabsoofi Sabboonummaa Oromoo: Xiyyeeffannoon Sirboota Qabsoo Oromoo Filataman Keessatti . Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 4(1), 87–107. https://doi.org/10.20372/jdq.v4i1.2134

Plaudit