Xiinxala Ga’umsa Gilgaalonni Kitaabota Barnoota Afaan Oromoo Kutaa 5-8 Beekumsa Tuut-Jechaa Adda Addaa Barsiisuurratti Qaban
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.983Keywords:
barnsiisuu, gilgaala , kitaabota, tuut-jecha, xiinxalaAbstract
Kaayyoon barruu qorannoo kanaa ga’umsa gilgaalonni kitaabota barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8 beekumsa tuut-jechaa adda addaa barsiisuurratti qaban xiinxaluun ibsuudha. Saxaxi qorannoo kanaas saxaxa ibsaadha. Malli qorannicha geggeessuu keessatti dhimma itti ba’ame immoo mala qorannoo makaati. Sababni malli qorannoo kun filatameefis ragaaleen qorannoo kanaa lakkoofsaafi jechaawaan ibsameefidha. Maddi ragaalee qorannoo kanaas madda ragaa tokkoffaafi lammaffaadha.Maddi ragaa 1ffaan kitaabota barnoota Afaan Oromoo kutaa 5-8 yommuu ta’u, maddi ragaa lammaffaan immoo barsiistota Afaan Oromoofi qaama sirna barnoota afaanichaa qopheessanidha. Malli iddatteessuu qorannoo kanaa immoo mala kaayyeffataafi ammargeedha. Toofaaleen ragaa funaanuuf dhimma itti ba’aman xiinxala kitaabotaafi afgaaffii turan. Argannoowwann qorannoo kanaas gilgaalonni tuut-jecha barsiisuu KBAO kutaa 5-8 keessatti hammataman: walitti firoomsuu, filannoo, bakka duwwaa guutuu, ibsiifi hima ijaaruu qofa ta’uu, gilgaalonni kunneenis murtaa’oofi baay’inaan hiika tuut-jechaa barsiisuu irratti waan fuulleeffataniif, akkasumas, boqonnaawwan kitaabota kanneen gartokko keessaa immoo waan hinqophoofneef beekumsa garaa garaa tuut-jecha barsiisuurratti ga’umsa akka hinqabne adda ba’eera. Rakkoo kana furuuf, qaamni sirni barnoota Afaan Oromoo qopheessu kitaabota Afaan Oromoo gara fuulduraatti qophaa’an keessatti gilgaalota beekumsa garaa garaa tuut-jecha barattoota barsiisan hammachiisuun gaarii ta’a.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2024 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved