Xiinxala Unka Tajaajila Seerlugaa Bamaqaalee Afaan Oromoo Looga Arsii Keessatti
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.807Keywords:
Afaan Oromoo, bamaqaalee, latiilee, tajaajila, unkaalee horteeAbstract
Barruun kun unka hormaataa bamaqaaleen Afaan Oromoo looga Arsii keessatti tajaajila seerlugaa adda addaa agrsiisuuf qaban xiinxaluu irratti xiyyeeffata. Qorannoowwan latiilee hortee Afaan Oromoo irratti xiyyeeffatan hedduun haajiratan malee, amma qorataan sakatta’uuf yaaletti hanga yoonaa bamaqaaleen Afaan Oromoo looga Arsii keessatti tajaajiila seerlugaa adda addaa agarsiisuuf unki hormaataa isaan qaban maal akka fakkatu qorannoon xiinxalee dhiheesse hinargamne. Kanaafuu, bamaqaaleen Afaan Oromoo Looga Arsii keessatti tajaajila seerlugaa agarsiisuuf unka hormaataa adda addaa akka qaban agarsiisuun guddina Afaanichaatiif gumaacha waan qabuuf mataduree kanarratti qorannoon kun gaggeeffamee jira. Kaayyoon qorannichaa daangaa looga kanaa keessatti unka hormaataa bamaqaalee xiinxalanii agarsiisuu yemmuu ta’u; kaayyoo kana galmaan gahuudhaaf ragaaleen qorannoo dhihaatanii xiinxalaman kitaaba “Seera Fuudhaa-Heeruma Oromoo Arsi’ii (2000) jedhu keessaa kan funaanaman yoo ta’u; kitaabichi Afaan Oromoo looga Arsiitiin kan barreeffame waan ta’eef, mala iddatteessuu akkayyootiin filatamee jira. Kana malees, qoratichi dubbataa loogichaa waan ta’eef, akka madda ragaa qorannoo kanaatti ragaaleen ofii isaatiin dhihaatanis qorannoo kana keessatti xiinxalamanii jiru. Qorannoon kun saxaxa qorannoo ibsaatiin kan dhihaate yemmuu ta’u, ragaaleen akkaataa walfakkeenya isaaniitiin mata-duree xixiqqoo jalatti qindaa’anii mala akkamtaatiin erga xiinxalamanii booda jechaan ibsamanii jiru. Haaluma kanaan, looga Arsii keessatti bamaqaaleen kan akka namummaa, iyyaafannoo, mit-beekamoo, ibsamaa, bakkaa, garagalchoo (reflexive) fi fuggisoo (reciprocal) seerluga adda addaa agarsiisuuf unka hormaataa akkamii akka qaban agarsiifamee jira. Fakkeenyaaf looga Arsii keessatti bamaqaalee namummaa irraa latiilee danooma, koorniyaa, gulantaa, maayii matimaafi maayii antimaa mul’isan hundee jechootaa irraa adda baasuun agarsiisuun akka hin danda’amne xiinxalamee jira. Akkasumas, loogicha keessatti bamaqaaleen akeektuu kanneen wantoota qaamaan mul’atan akeekan fakkeenyaaf (kun/sun, kana/san) fi kanneen qaamaan dubbattoota bira hin jirre akeekan fakkeenyaaf (kuun, kaan) gargar akka ta’an ragaalee xiinxalaman irraa hubatamee jira. Kana malees, bamaqaan iyyaafannoo maqaa nama dhuunfaa bakka bu’u fufii maayii antimaa fakkeenyaaf, (’eenynyuun) kan fudhatu ta’uun adda bahee jira. Gara biraatiin bamaqaaleen galumsa waliin dubbii (discourse) keessatti iddoo maqaalee nama dhuunfaa bu’an ’ebalu fi ’ebalee yemmuu ta’an, bamaqaan ’ebalu jedhamu iddoo matimaatti akkuma jirutti (in absolutive case) kan taa’u yoo ta’u, iddoo antimaatti garuu fufii {-n} maxxanfata. Faallaa kanaan, bamaqaan ’ebalee jedhamu fufii maayii matimaa malee fufii maayii antimaa kan hin maxxanfanne ta’uun xiinxalamee jira. Maayiin abbummaa bamaqaa kanaa hudhaa (’) + dubbachiiftuu dheeraa (’obboleessa + ’ebalee + -’ee →’obboleessa ’ebale’ee). Walumaagalatti, Afaan Oromoo keessatti jechoota bamaqaalee jalatti ramadamaniifi akkaataa hormaata isaanii xiinxalanii adda baasuun guddina xiinqooqa Oromootiif faayidaa waan qabuuf, loogawwan Afaan Oromoo biroo keessattis osoo sirritti qoratamee gaarii ta’a.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2024 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved