Qoricha Aadaafi Shaakala Eegumsa Fayyaa Namootaafi Bineeldotaa: Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Heebantuu Irratti

Authors

  • Margaa Gammadaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v3i1.1579

Keywords:

Qoricha Aadaa, Beekumsa Xabboo, Eegumsa Fayyaa, Shaakala

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa akka aadaatti, hawaasni Aanaa Heebantuu dhibeelee dhukkuboota namaafi bineeldota miidhan dandamachiisuuf shaakala beekumsa xabboo gargaaraman qo’achuudha. Saxaxni qorannichaa sanyaabsa ta’ee, mala akkamtaatti dhimma ba’ameera. Iddatteessuun ilaalchisee, Aanaan Heebantuufi gandoolee afur mala kaayyeffataan kan adda ba’an yoota’u, hirmaattonni ammoo dhiirota (12)fi dubartoota (3) mala darbaa dabarsaan filatamaniiru. Odeeffannoo walitti qabuuf meeshaalee afgaaffii gamisa caaseffamaafi marii garee xiyyeeffannoo hojiirra ooleera. Odeeffannoon funaanames gabatee keessatti roga rogaan qindaa’ee qaacceffame. Argannoon ijoo adda ba’e, dhukkuboota bal’inaan qorichi qophaa’uuf dhukkuba madaafi garaa ciniinnaadha. Qoricha dhukkubootaaf qophaa’u ilaalchisee, dhukkuboota 116f biqiltoota 75 irraa qoricha 126; dhukkuboota 25f bineeldota15 (bineensa bosonaa, balali’oo, beelladaafi ilbisoota) irraa qoricha 17; akkasumas, dhukkuboota 4f albuudota 4 (biyyoo, bishaan bulluqa, daaraa diimaafi nadhii dammaa) irraa qorichi 4 akka qophaa’u adda ba’eera. Darbee, yoomessaafi akkaataa tajaajila qorichaa irratti dhukkuboonni 52(%44.82) ganama, 38(%32.76) yeroo dhukkubbiin itti dhagaa’amuufi 16(%13.79) galgala yeroo hirribaa ta’uu adda ba’eera. Waliigalatti, qorannoon kun dhimma ijoo guddaa yeroofi baajeta bal’aa barbaadudha. Kanaaf, umurii bu’ureffatee, hanga fadhatamu, amantaa, safuufi laguu hawaasaa qoricha aadaan walqabatu bira ga’uun hindanda’amne. Haata’u malee, dhimmi kun fayyaafi dinagdee biyyaaf shoora olaanaa waan qabuuf ogeeyyonni fayyaafi qorattoonni aadaa waliin ta’uun osoo bal’inaan qoratanii kan afeerudha.  

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2025-06-25

How to Cite

Gammadaa, M. (2025). Qoricha Aadaafi Shaakala Eegumsa Fayyaa Namootaafi Bineeldotaa: Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Heebantuu Irratti. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 3(1), 101–119. https://doi.org/10.20372/jdq.v3i1.1579

Plaudit