Sakatta’a Ga’umsa Raawwii Leenjistootaafi Dhiyaannaa Qulqullina Leenjii Dubbarree, Leenjifamtootaa Tajaajila Duraa Milkeessuu Irratti Kolleejjii Barnotaa Barsiisotaa xiyyeeffachuun
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v1i2.916Keywords:
dubbarree, ga’umsa, leenjii, milkeessuu, qulqullinaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa ga’umsa raawwii leenjistootaafi qulqullina dhiyaannaa leenjii dubbarree Afaan Oromoo, milkaa’ina leenjifamtootaa tajaajilaan duraa sakatta’uudha. Ka’umsi qorannoo kanaas, kutaa gadiitii kaasee rakkoo Afaan Oromoon dubbisuufi barreessuu barattootaa irratti mul’atu habuuramedha. Madda rakkoo kanaa adda baasuuf, sadarkaa kolleejjii barnootaa barsiisotaatti haala raawwii leenjistootaafi qulqullina leenjii kennamu iyyaafatame. Ragaalee guuruu, qaaccessuufi hiikuuf saxaxa sakatta’a qaxxaamuraatti fayyadame. Kana galmaan ga’uufis, mala walmakaatti gargaarame. Iddattoonni, KBB Dambi Doolloo, Shaambuufi Naqamtee istiriimii istetiksii, saayinsii uumamaafi hawaasaarraa leenjifamtoota waggaa 3ffaa carraa tasan (n=180), barsiisota mala hammargeen (n=30), waliigala (n=210) filataman. Ragaalee walitti qabuuf, bargaaffii, afgaaffiifi MGX fayyadame. Ragaalee qaaccessuuf, istatiksii ibsaa (safartuu ragaalee liikertii bu’aa gidduufi garaagarummaa safartuu dhaabbataafi infireenshaalii (ANOVA karaa tokkoofi hariiroo Spearman’) gargaarame. Kanneen akkamtaan guuraman, walitti makuun jechootaan qaacceffame. Argannoon ijoon mul’ate KBB keessatti torbeetti wayitiin leenjii dubbarreef ramadame 2 qofa. Qulqullina leenjiif xiyyeeffannoo kennamuu irratti bu’aan argame, gadi-aanaa waan ta’eef, leenjifamtoota ga’oomsuuf xiyyeeffannoon jiru laafaa ta’uu hubatame. Haala raawwii leenjisuu leenjistootaa irrattis bu’aan gidduu mul’ate gadi-aanaa waan ta’eef, milkaa’ina leenjifamtoonni leenjii dubbarree irraa argatan irratti dhiibbaa sirrummaa (+ ve factor) uumu akka hinqabne adda ba’e. Darbee, haala raawwii leenjisuu leenjistootaafi milkaa’uu leenjifamtootaa gidduu hariiroon jirus baay’ee laafaa ta’uu hubatame. Kanaaf, BBO, KBB’fi qaama dhimmi ilaallatu hundi rakoo kanaaf osoo xiyyeeffannoon itti kennamee qulqullina leenjii dubbarreefi leenjifamtootaa milkeessuun nidanda’ama.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2023 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved