Faana Dhooftummaa Suuryaadaa Barwalaloowwan Oromoo: “Anaan’yaa”fi “Obomboleettii” Keessattii
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v1i2.878Keywords:
Akkaataa, Faana Dhooftummaa, Barwalaloo, SuuryaadaAbstract
Kaayyoon qorannoo kanaa faana dhooftummaa suuryaada barwalaloowwan Oromoo “Anaan’yaa”fi “Obomboleettii” keessatti mul’atan xiinxaluudha. Kana galmaan ga’uufis, saxaxa addeessaafi mala akkamtaatu hojiirra oole. Sababnisaas, ragaaleen lakkoofsaan osoo hintaane jechootaan ibsamuudha. Barwalaloowwan Oromoo keessaa Zalaalam Abarraatiin kan barreeffame “Obomboleettii”fi Asafaa Tafarraatiin kan barreeffame “Anaan’yaa” kanneen jedhamantu akka madda ragaa tokkoffaatti fudhatamaniiru. “Obomboleettii” keessaa walaloowwan lama (Mana Cina Karaafi …jedhe, Diggaa Saaqoo!) akkasumas “Anaan’yaa” keessaa walaloowwan lama (geeraruu, moo yeelalu?fi imimmaan dubartii) kanneen jedhaman walumatti walaloowwan afurtu mala akkayyootiin filatame. Maddoota ragaalee kanneen irraas ragaaleen yommuu seecca’amanitti tooftaa funaansa ragaalee keessaa xiinxalli barruu, achi jalaas ‘qabxiin mirkaneeffannoo’ dhimma itti ba’ameera. Akkaataa kanaan ragaaleenerga seecca’amanii booda, ulaagaa faana dhooftummaatti dhimmi bahuudhaan adeemsota akkaatummaan ittiin xiinxalamu (addeessuu-hiikuu-madaaluu) jedhuun xiinxalamanii dhiyaataniiru. Dhumarrattis, argannoowwan kanatti aananiijirantubira gahame. Walaloowwan kitaaba “Anaan’yaa” keessaa filataman keessatti suuryaadni arguu jechoota yookiin gaaleewwan muraasaan uumamaniiru. Suuryaada kanneen faana godhachuudhaan ergaawwan karaa dhokataa ta’een yayyabaman (siyaasni, jaalalliifi hawaasummaan) karaa qaama miiraa arguutiin miireffatamanii akka hubatamaniif haala mijeessitoota ta’anii jiru. Kitaaba “Obomboleettii” keessaa walaloowwan filataman ammoo gosoota suuryaadaa keessaa (arguu, dhageettii, qaqqabannaafi dhamdhammiin) hojiirra ooluutu mul’ate. Suuryaadni kunneenis ergaawwan ijoo kanneen akka (siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee) qindoomina seeneffamaatiin qindoomanii akka dhiyaataniif faana ta’uu danda’aniiru. Qorattoonni dirree kanaayaaxxina kanaafi kanneen birootiin walaloowwan kanneeniifi kanneen biroollee gad fageenyaan qorachuu akka danda’antu kallattii qorannoo ta’ee dhiyaate.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2023 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved