Xiinxala Waldiddaafi Danqaalee Jireenyaa: Fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu Keessatti

Authors

  • Fiqiruu Kitilaa Wallaga University
  • Ashannaafii Balaay Jima University
  • Magarsaa Dhinsaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.1034

Keywords:

Eelaa, Miixuu, Danqaa, Waldiddaa

Abstract

 

Kaayyoon qorannichaa waldiddaafi danqaalee hawaasummaa fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu keessatti mil’atan xiinxaluudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf mala qorannoo akkamtaatti dhimma bahuun iddatteessuu miti carraa akkayyootiin madda ragaa lammaffaa kan ta’an fiilmiiwwan Afaan Oromoo (Eelaafi Miixuun) filatamanii jiru. Mala funaansa ragaa daawwannaatti dhimma bahuun sakatta’a dookimeentii suur-sagalee taasifameen odeeffannoon fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu irraa daawwannaa suur-sagaleetiin walitti qabamanii jiru. Yaaxxina hawaasummaa bu’uureffachuun ragaaleen mala akkamtaatiin xiinxalamani. Argannoowwan qorannoo kanaatiin, fiilmii Eelaa keessatti danqaafi waldiddaa jireenya hawaasummaa keessatti mul’atan mo’achuuf amanamummaadhaan dhaabbachuun barbaachisaa ta’uun mul’atee jira. Danqaafi waldiddaa mudatuuf osoo harka hinkennatin obsuun, iccitii qabachuufi wal’aansoon taasifamu abdiifi egeree fuulduraaf murteessaa ta’uun kan keessatti mul’ateedha. Fiilmii Miixuu keessatti waldiddaafi danqaaleen mul’atanis cunqursaa, ajjeechaa, biyyaa baafanuu, hidhamuufi saamicha kanneen aangoo qabaniin hawaasa irratti taasifameetu keessatti mul’atee jira. Hawaasni danqaafi cunqursaaf osoo harka hinkennatin wal’aansoo qabuufi dura dhaabbachuun wareegama barbaachisu baasuun isaa ni mul’ata. Miixuu jireenyaafi roorroo taasifamu keessatti dukkanaafi garbummaa keessaa gaaf tokko ifatti nan baha jedhanii obsuun Guyyaan tokko jira jedhanii eeggachuufi miixuu ta’ee mul’ata. Danqaa aangoo siyaasaatiin taasifameen beenyaa gahaa malee lafti qonnaa abbootii aangootiin fudhatamee dukkana keessa jiraachuu hawaasa irra gahaa ture. Waggaan 28 turtii bulchiinsaa sirna siyaasaa abbaa irree kan aangoo irra tureefi dhalootni sirnicha keessatti dhalate garbummaa nuffuun kan of irraa fonqolche ta’uutu mul’atee jira. Waggoota kana keessa qeerroon garbummaafi cunqursaaf osoo harka hinkennin of irraa qolachuuf hidhaafi ajjeechaaf akka saaxilame qorannichaa agarsiisa

 

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-06-27

How to Cite

Kitilaa, F., Balaay , A., & Dhinsaa, M. (2024). Xiinxala Waldiddaafi Danqaalee Jireenyaa: Fiilmiiwwan Eelaafi Miixuu Keessatti. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(1), 177–201. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.1034

Plaudit

Most read articles by the same author(s)