Faayidaalee Sirba Gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa

Authors

  • Tasfaayee Bayyanaa Arsi University
  • Darajjee Fufaa Jima University
  • Magarsaa Dhinsaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1163

Keywords:

faayidaalee sirba gaa’elaa, Oromoo Jaawwii Maccaa, yaadiddama faayideessumma

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa faayidaalee sirbi gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa qabu xiinxaluudha. Qorannoon kun qorannoo sanyabsaati. Qorannoo sanyabsaa keessaa immoo, sanyabsa sakatta’aa yoo ta’u, addaatti sanyabsa sakatta’aa akkamtaati. Kaayyoo qorannoo kanaa fiixaan baasuuf, ragaaleen madda ragaa tokkoffaarraa funaanaman. Madda ragaa tokkoffaarraa malleen iddatteessuu akkayyoofi darbaa dabarsaatti dhimma ba’uun raga himtoonni ilmaan Guduruu, Giddaafi Gooree keessaa filataman. Meeshaalee funaansa ragaalee dhimmi itti ba’aman: daawwannaa, afgaaffiifi marii garee jedhamu. Ragaaleen meeshaalee kanneeniin funaanaman mala akkamtaan xiinxalaman. Kunniinis yaadiddama faayideessummaa deeggaramaniiti. Argannoowwan qorannoo kanaas: sirbi gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa, faayidaalee kabaja mana soddaa, aadaaleefi safuuwwan gaa’ela barsiisuu qaba. Kunis ergaawwan keessatti darban irraa madda. Akkasumas, jechoonni, gaaleewwaniifi akkaataan dhihaannaa sirba gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa miira namootaa qirqirsuun bashannansiisuuf tajaajilu. Dabataan, sirbi gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa, hawaasummaa, dinagdeefi eenyummaa uummataa ijaaruun tiksee tursiisuuf fayyada. Kunis, raacitii hawaasummaa, dinagdeefi eenyummaa dhaloota keessatti dagaagsa. Dhaabbileen mootummaafi mit-mootummaa naannoo Oromoo Jaawwii Maccaa keessatti argaman faayidaalee sirba gaa’elaarratti osoo leencii kennanii gaarii ta’uun yaada furmaataa qorannoo kanaati. 

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-12-17

How to Cite

Bayyanaa, T., Fufaa, D., & Dhinsaa, M. (2024). Faayidaalee Sirba Gaa’elaa Oromoo Jaawwii Maccaa. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(2), 170–190. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1163

Plaudit

Most read articles by the same author(s)