Qeeqa Hawaasummaa Walaloo Sirboota Oromoo Filatamanii: Xiinxala Ergaawwan Sirboota Eebbisaa Addunyaa
DOI:
https://doi.org/10.20372/jdq.v2i2.1162Keywords:
muuziqa Oromoo, qeeqa hawaasummaa, walaloo sirbaa, dhimmoota hawaasaaAbstract
Sirbi Oromoo baroota dheeraaf meeshaa ittiin aadaan sabaa ibsamu, seenaan kunuunfamuufi dhimmootni hawaasummaa qeeqamu ta’uun tajaajilaa tureera. Yeroo ammaa kanas, sirbootni Oromoo tajaajila bohaarsuutti dabalataan faayidaa dhimmoota hawaasummaa qeequufi sirreessuu irratti fuullefachaa jiru. Barruun qorannoo kunis Qeeqa Hawaasummaa Walaloo Sirboota Oromoo filataman xiinxaluu irratti fuulleffate. Kallattiin immoo walaloon dhimmoota hawaasa Oromoo mudatan dhiyeessaniifi qeeqan irratti xiyyeeffata. Barruun kun qabiyyeewwan walaloo sirbaafi teeknikoota isaan ittiin dhiyaatan xiinxaluun, watwaata artistootaa ibsuufi qeeqa hawaasummaa hojiilee isaanii keessatti ammataman addeessuu irratti xiyyeeffata. Kana galmaan gahuufis mala iddatteessuu kaayyeffataa fayyadamuun sirboota Eebbisaa Addunyaa kallattii qeeqa xinhawaasummaatiin xiinxalamaniiru. Xiinxala taasifame kana irraas walalooleen sirboota filatamanii qabiyyeewwan mudannooleefi taateewwan hawaasummaa Oromoo keessatti mul’atan kan qeeqaniifi watwaannaa artistoota Oromoon kan guutaman ta’uu hubatameera. Sirboota Eeebbisaa keessatti qeeqni xiyyeeffannoo argatu dhimmoota sarbamuu mirga dhala namaa, haqa dhabuu, Moggeeffamuu, Loogamuu hawaasaafi fakkoommiiwwan adda addaa irratti xiyyeeffata. Qabiyyeewwan qeeqaa kana bifa humna qabuun dhiyeessuu keessatti teeknikootni fakkee, anyarsee, nameessaa hedduminaan hojiirra oolfamaniiru. Xinxala gaggeeffamerratti hundaa’uun walalooleen sirboota Oromoo filataman kunneen jijjiirama hawaasummaa fiduudhaaf watwaannaa hedduu akka kaasan hubachuun ni danda’ama. Kanafuu, sagaleewwan jiruufi jireenya hawaasaa qaruu keessatti bakka ol’aanaa qabaatan kunneen irratti qorannoon kallattii gara garaa adeemsifamuu akka qabu barruun kun fuulcha kenna.
Downloads
Downloads
Published
How to Cite
Issue
Section
Categories
License
Copyright (c) 2024 Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources
This work is licensed under a Creative Commons Attribution-NonCommercial 4.0 International License.
All rights reserved