Fakkoommii Mi’aalee Aadaa Oromoon Jaawwii Sirba Gaa’elaa Keessatti Dhimma Itti Bahanii

Authors

  • Tasfaayee Bayyanaa Arsi University
  • Darajjee Fufaa Jima University
  • Magarsaa Dhinsaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.1092

Keywords:

fakkoommii, sirboota gaa’elaa, mi’aalee aadaa, meeshaalee faayaa

Abstract

 

Kaayyoon qorannoo kanaa fakkoommii mi’aaleen aadaa sirba gaa’elaa Oromoo Jaawwii keessatti qaban xiinxaluudha. Qorannoon kun gosoota qorannoo keessaa qorannoo akkamtaati. Akkamtaa keessaa immoo, sanyaabsaa yoo ta’u, addatti immoo, sanyaabsa ibsaati. Kaayyoo kana fiixaan baasuuf, ragaaleen maddeen tokkoffaafi lammaffaarraa funaaman. Malli akkayyoofi darbaa dabarsaas malleen iddateessuu qorannoo kana keessatti dhimma itti ba’amanidha. Meeshaaleen funaansa ragaalee dhimma itti ba’aman: daawwannaa, afgaaffiifi marii garee fa’aadha. Ragaalee dabalataa argachuuf Goodambaa Kumsaa Morodaaf keessaa dokimentiiwwan sakatta’amaniiru. Ragaaleen tooftaalee kanniinin funaanaman mala akkamtaan hiikaman. Kunniinis yaadiddama walitti dhufeenya fakkoommii (symbolic interactionism) deeggarameeti. Bu’aan xiinxala kanarraa argame akka mul’isutti, Shamarran Jaawwii meeshaalee faayaa callee, warqee gurraa, mormaafi qubeelaan faayamuun sirba gaa’elaarratti hirmaatan. Calleen fakkoommii hormaata qaba. Haata’u malee, warqeen gurraa, mormaafi qubeelaan fakkoommii kaadhimaa qabaachuu qabu. Uffanni aadaa qoloo jedhamu immoo, mallattoo Oromummaa agarsiisa. Qarreen shamarran dhahachuun sirbaa gaa’elaarratti hirmaatan fakkoommii durbaa qaba. Meeshaaleen faayaa dhiironni fayyadamuun sirba gaa’elaarratti hirmaatan keessaa alangaan fakkoommii gurbaa fuudhuu qaba. Ulumaayiin immoo, fakkoommii amaamota qaba. Uffanni aadaa maanguddoonni Jaawwii uffatanii sirba gaa’elaarratti hirmaatan halluuwwan gurraacha, diimaafi adiin kuulamanii jiru. Gurraachi fakkoommi angafummaa; diimaan mallattoo wareegamaafi adiin immoo, fakkoommii xumura argachuu qabsoo uummataati. Meeshaalee muuziqaa sirbi gaa’elaa ittiin dhihaatu keessaa dibbeen fakkoommii sirba ho’isuufi geessuu ta’uu intala tokkoo bakka bu’a. Faaggaan immoo, waamicha hirmaattota sirba gaa’elaan fakkooma. Oromoon Jaawwii guyyaa gaa’elaa fiingee afuufuun amaamota waan waamaniif, fakkoommii waamicha qaba.

 

 

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-06-27

How to Cite

Bayyanaa, T., Fufaa, D., & Dhinsaa, M. (2024). Fakkoommii Mi’aalee Aadaa Oromoon Jaawwii Sirba Gaa’elaa Keessatti Dhimma Itti Bahanii. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(1), 202–219. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.1092
Received 2024-05-07
Accepted 2024-06-10
Published 2024-06-27

Plaudit

Most read articles by the same author(s)