Afoolaan Duudhaalee Gaa’elaa Barsiisuu: Durduriiwwaniifi Mammaaksota Xiyyeeffachuun

Authors

  • Magarsaa Dhinsaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.1093

Keywords:

afoola, durduriiwwan, mammaaksota, gaa'ela, Jaawwii Maccaa

Abstract

Kaayyoon qorannoo kanaa gahee gooroowwan afoola Oromoo filataman (durduriiwwaniifi mammaaksonni) duudhaalee gaa’elaa barsiisuun dhaloota ga’elaaf ga’oomsuu keessatti qaban xiinxaluun ibsuudha. Hanga qoratichi sakatta’iinsa geggeessetti dhimma kanarratti qorannoon gadifaeenya qabu geggeeffamuu dhabuunis ka’umsa qorataa qorannoo kanaati. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsa sakattaa (survey ethnography) yoo ta’u, maanguddoonniifi dargaggoonnis madden ragaalee qorannichaati. Hangi iddattoo raghimtoota qorannichaas maanguddoota soddomii shan (35)fi dargaggoota digdamii shan  (25), ida’amaan raghimtoonni ja’atama (60) irraa ragaaleen funaannatamaniiru. Malli akkayyoofi malli darbaadabarsaa immoo malleen iddatteessuu itti dhimma ba’aman yommuu ta’an, malleen funaansa ragaalee qorannichaas: daawwannaa, afgaaffiifi mariigaree xiyyeeffannoodha. Ragaaleen walitti qabamanis yaadiddama ijaarsa hawaasummaa (social constructionist theory) bu’uureffachuun mala akkamtaa ibsaan xiinxalamuun adeemsifamaniiru. Argannoowwan bu’uuraa qorannoo kanaas: Oromoon karaalee garaagaraa dhaloota ga’elaaf kan ga’oomsuu yoo ta’u, bal’inaan garuu gooroowwan afoolaa isaa kanneen akka durduriiwwaniifi mammaaksotaatti dhimma ba’uun akka dhaloonni xiinsammuun, hawwasummaan, dinagdeefi beekumsa duudhaalee hawaasaan guutuu ta’uun ga’elaaf ofqopheessuu qabu qaruun ga’oomsa. Akkasumas, ittiin ulaagaalee gaa’ela ijaarachuu keessatti bu’uureffatamuu qaban daran bu’uuraa ta’an akka bu’uureffataniifi itti gaafatamummaa jireenya gaa’ela keessaas fudhachuun ba’achuu akka qaban dhaloota barsiisa.     

Downloads

Download data is not yet available.

Downloads

Published

2024-06-27

How to Cite

Dhinsaa, M. (2024). Afoolaan Duudhaalee Gaa’elaa Barsiisuu: Durduriiwwaniifi Mammaaksota Xiyyeeffachuun. Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 2(1), 157–176. https://doi.org/10.20372/jdq.v2i1.1093

Plaudit