Xiinxala Fakkoommii Wantota Aadaa Oromoofi Wantotaa Duudhaalee Filataman Keessatti Itti Dhimma Ba’amanii: Eebba, Abaarsaafi Kakaa

Authors

  • Magarsaa Dhinsaa Wallaga University

DOI:

https://doi.org/10.20372/jdq.v1i2.881

Keywords:

wantota aadaa, wantota, fakkoommii, eebba, kakaa, abaarsa

Abstract

Kaayyoon bu’uuraa qorannoo kanaa fakkoommiiwwan wantonni aadaa (material culture)fi wantonni (materials) sirna raawwii eebba, abaarsaafi kakaa keessatti itti dhimma ba’amanii qaban xiinxaluudha. Ka’umsi qorataa qorannoo kanaas, hanga qoratichi sakatta’a geggeeessetti beekumsi hawaasaa duudhaalee kanneen keessaatti ijaaramee jiru kan hinqoratamiin ta’uudha. Qorannoon kun qorannoo sanyaabsa sakattaa (survey ethnography) yoo ta’u, maddeen ragaalee qorannichaas madda ragaa tokkoffaa ta’anii isaanis: Abbootii Gadaa, jaarsolii biyyaafi maanguddootadha. Malleen iddatteessuu itti dhimma ba’amanis mala akkayyoo (purposive sampling)fi mala darbaadabarsaa (snowball sampling) yommuu ta’an, baayyinni iddattoo qorannoo kanaas Abbootii Gadaa 10, jaarsolii biyyaa 30fi maanguddoota 20; waliigalaan raghimtoota ja’atama (60)dha. Ragaaleen qorannoo kanaas daawwannaa (daawwannaa al-himaachisaa), afgaaffii (afgaaffii al-caaseffamaafi caaseffama gamisaa)fi mariigaree xiyyeeffannootti dhimma ba’amuun kan funaanaman yoo ta’an, ragaaleen funaanamanis mala akkamtaa ibsaan xiinxalamanii jiru. Argannoowwan bu’uuraa qorannoo kanaas: sirnoonni raawwii eebbaa, abaarsaafi kakaa bal’inaan malleen walqunnamtii mallattoolee (symbolic communication)fi xinqooqaawwan dabalataa (extra linguistic features) gargaaramuun kan raawwatamanidha. Kun immoo gooroowwan afoolaa kunniin bal’inaan malleen walqunnamtii al-afaaniffaan (non-verbal communication) hojiirra kan oolan, yookaan waliif galan ta’uu isaanii agarsiisa. Inni biraan, gooroowwan afoolaa kunniin (eebbi, abaarsiifi kakaan) humna hawaasummaa hawaasaafi safuu hawaasaa tiksuu olaanaa kan qabanidha. Akkasumas, wantonni aadaafi wantonni sirna raawwii abaarsaafi kakaa keessatti itti dhimma ba’amanii baayyeen isaanii fakkoommii hawaasni sun qabuufiin xiinsammuu namaaf kan hinsafeeffatamne, jibbamoofi sodaatamoo waan ta’aniif miidhaa abaaramuufi sobaan kakachuun namarraan ga’uu danda’anii dursanii hubachiisuun humna akeekkachiisa olaanaa kennuu kan qaban ta’uun isaanii argannoowwan bu’uuraa qorannoo kanaa keessaa isa birooti.   

 

Downloads

Download data is not yet available.

Author Biography

Magarsaa Dhinsaa, Wallaga University

Assistant Professor, Department of Oromo Language and Literature

Downloads

Published

2023-12-19

How to Cite

Dhinsaa, M. (2023). Xiinxala Fakkoommii Wantota Aadaa Oromoofi Wantotaa Duudhaalee Filataman Keessatti Itti Dhimma Ba’amanii: Eebba, Abaarsaafi Kakaa . Jornaalii Dilbii Qorannoo - Journal of Accumulated Knowledge Resources, 1(2), 37–59. https://doi.org/10.20372/jdq.v1i2.881

Plaudit